• Wed. Nov 25th, 2026

Hoogganaan mirga  Mootummoota Gamtoomanii Weesti Baankii dhuunfatame keessatti ‘dhiiga dhangala’uu kanaan dura mul’atee hin beekne’ balaaleffate

Jun 6, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 5, 2024

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii West Baankii dhuunfatame keessatti hookkara Falasxemota irratti raawwatamu akka dhaabbatu waamicha isaa haaromsee jira.

Volker Turk ibsa Kibxata kaleessaa baaseen lakkoofsi namoota naannoo Gaazaa keessatti du’anii malees, “ummanni West Baankii dhuunfatamees guyyaa guyyaan dhiiga dhangala’aa kanaan dura hin argamneen saaxilamaa jira” jedheera.  

Dubbiin hoogganaan mirga namoomaa Mootummoota Gamtoomanii kun kan dubbatame wayita waraanni Israa’elii fi qubsiistonni naannoo sanatti haleellaa haaraa raawwatanitti.   “Yakkoota akkasiitiin adabbii malee babal’achuun yeroo dheeraaf West Baankii dhuunfatame keessatti waanuma barame ture,” jechuun kun humnoota Israa’eliin “ajjeechaa seeraan alaa” dabalataaf haala uumeera jedhan.

 Akka Turk jedhutti humnoonni Israa’el Waxabajjii 1 daa’ima ganna 16 Ahimed Ashraf Hamidat rasaasaan rukutee ajjeesuun, guyyaa tokko booda du’e, naannoo mooraa baqattootaa Aqabat Jaber Iyyaarikoo keessatti argamutti, daa’ima ganna 17 Mohammed Musa al-Bitar haala hamaadhaan madeessan. 

Lafa Falasxiin qabame keessatti buufata waraanaa tokkotti dhagaa  darbatanii baqachaa osoo jiranii fageenya gara meetira 70tti dugda isaan irra  rasaasaan rukutamaniiru jedhan.

Waraanni Gaazaa keessatti geggeeffamaa jiruun West Baankii keessatti hookkaraa fi hidhaa cimaan uumameera.  

Haleellaa Onkoloolessa 7 Israa’el irratti raawwatameen as yoo xiqqaate lammiileen Falasxiin 505 West Baankii dhuunfatame keessatti ajjeefamuu ragaan UN mirkaneesse ni mul’isa. Ragaan akka agarsiisutti lammiileen Israa’el 24 ajjeefamaniiru.    

Lakkoofsi Waldaan Hidhamtoota Falasxiin yeroo walfakkaatutti dubartoota 300 fi daa’imman 635 dabalatee namoonni 9,025 hidhamuu galmeessa. Kanneen gadi lakkifaman hedduun isaanii yeroo hidhamanitti dararamaa fi miidhaa irra gahuu isaanii ibsaniiru jechuun Aljeeriyaan Mr. Turk wabeeffachuun gabaaseera.

Leave a Reply