ONM-ABO Waxabajjii 5, 2024
Faashistoonni murna bilxiginnaa, namoota nagaa homaa of harkaa hin qabne hidhuu, saamuu, ajjeesuu fi rasaasaan rukutanii madeessuun hiraarsuu yoo jabeessan, sababa kanaaf uummanni aduu dhihee bari’u yaaddoo keessa akka jiran ni beekama.
Akka kanaanis Waxabajji 3, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu’tti jiraataa ganda Amuumaa Giyoorgisii kan ta’e abbaa ilmaan 2 Obbo Waaqtolaa Kabaa kan jedhamu halkan naannoo toora sa’a 2:30’tti waraanni faashistii PP ganda Waltaatee bakka addaa Qubaa jedhamutti itti dhukaasuun ajjeesanii gatuun barameera.
Oduu biraatiin ammoo guyyuma sana waaree booda naannoo sa’a 11:00’tti Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Guyyoo Saccii iddoo addaa Kussii Bal’aa jedhamutti, namoota hojii dhuunfaa gaarii oofuun jiraatan irratti waraanni goolessaan PP dhukaasa banuun qabanii gara onichaatti geessuun hidhanii jiraachuu jiraattotni himan.
Maqaan namoota kanaas Sirriiqaa Geetaachoo fi Fiqiruu Uummataa kan jedhaman yoo ta’u, yeroo ammaas miidhaa qaamaa ulfaataa waraanni sirnichaa irraan ga’aa akka jiru himaniiru.
Humni goolessaan impaayeerattii kunis kan yeroo kaaniirra sochii gochaa jiruun dhiiga lammiilee nagaa akka bishaanitti dhangalaasaa akka jiranis itti dabaluun ONM’tti himan.
