ONM-ABO Waxabajjii 5, 2024
Lubbuun namaa murna bilxigginnaa biratti kabaja kan dhabde bara kana keessa namoonni nagaan gochaa isaanii malee siyaasa harka keessaa hin qabneen mana isaanii keessaa baafamuun dhiigni isaanii akka baala mukaa guyyuu harcaa’aa oola.
Loltoonni namoota nagaa irratti xiyyeeffachuun ajjeechaaf bobbaafaman kunneen Kibba Lixa Shaggar aanaa Bachoo ganda Mandee Tufisaa jedhamu keessatti gaafa Waxabajjii 2,2024 nama nagaa hojii qonnaan jiraatu kan maqaan isaa Yaadasaa Diroo jedhamu ganama irraa sa’a 1:30 irratti lubbuu isaa galaafachuu jiraattotni ONM’tti himan.
Namni ajjeefame kun sababni isaa tokkollee osoo itti hin himamin gara jabummaa loltoota Abiy Ahimediin mana isaatii qabamee akka ajjeefames dabaluun ibsaniiru.
Aanichuma keessaa namoota hedduu jalaa qabeenyi danuun kan saamamee jiru yoo ta’u, isas sagantaa keenya itti aanu irratti jala buunee hordofuun kan isin biraan geenyu ta’a.




