• Wed. Nov 25th, 2026

Yuuniversitii Walloo Damee Fayyaa keessatti barattootni Amaaraa barattoota Oromoo irraan miidhaa ga’an, barattootni Oromoos lagannaa nyaataa taasisan

Jun 6, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 5, 2024

Erga hoogganaan faashistii PP Abiy Ahimed aangoo impaayerattiitti dhufee kaasee uummatni Oromoo kabajamuu irra salphachuu nageenya irra dararaa, jiraachuu irra dhumaatii fi guddachuu irra gadadoo akka kennaa gaariitti kennameefii itti jiraachaa jira.

Barattootni Oromoo qabsoo uummatni Oromoo geggeessu keessatti adda durummaan ga’ee isaanii ba’achuun kan beekaman yoo ta’u, yeroo adda addaatti barattoota saba Amaaraan xiyyeeffatamuun miidhaan irra ga’aa jira.

Dheengadda Waxabajjii 3, 2024 galgala Yuuniversitii Walloo Damee Fayyaa keessatti doormiitti barattootni finxaaleeyyii Amaaraa okkora kaasuun barataa Oromoo dhalootaan Lixa Oromiyaa magaalaa Gimbii kan barnoota Damee Fayyaa irraa waggaa 2’ffaa baratu irraan miidhaa qaqqabsiisan.

Barattootni Oromoos halkan sana saba deebii kennuu hin dandeenyeef ganama nyaata lagachuun adeemsa jiru mormuu isaanii gamtaan agarsiisan. 

Barattootni Oromoo baay’ee qooddii eenyummaa Yuuniversitii naannoo Amaaraa keessatti mul’atuuf jalqaba irraa ka’anii dhiisanii gara qe’eettii fi dhuunfaan barachuutti waan deemaniif barattootni Oromoo lakkoofsaan muraasa ta’uu hubachuun karaa seeraa akka xumuramuuf gaafatan.

Haa ta’u malee qaamni seeraa fi bulchiinsi Yuuniversitichaa iddoo itti laachuu dhiisuun deggersa barattoota Amaaraaf waan agarsiiseef guyyaa kaleessaa Waxabajjii 4, 2024 sa’a laaqanaatti dubbii barattootni Amaaraa barataa Oromoo tokko irra ejjechuun yeroo inni maaliif akkas goota jedhu kaballaan waan rukuteef dhagaan wal haleeluu jalqabne jedha barataan Damee Fayyaa waggaa 3’ffaa baratu tokko.

Sababa kanaanis guyyaa kaleessaa jaarsummaan dhimmi waldhibdee kana ilaaluuf hafee mooraan Yuuniversitii Walloo Damee Fayyaa kun poolisii federaalaa fi waraana sirnichaan eegamaa jiraachuu fi mooricha keessa tasgabbiin akka hin jirre barattootni Oromoo himuun, rakkoon kun Kan dheengaddaa fi kaleessaa osoo hin taane jalqaba bara dhufnee as galle irraa jalqabeeti jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply