• Fri. Mar 13th, 2026

Arsii Bahaa aanaa Sirkaa keessatti waraanni sirna PP uummata nagaan, WBO qallabdan jedhanii buqqisaa jiraachuun dhagaa’ame

Jun 7, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 5, 2024

Ilmaan Oromoo qe’ee abbaa isaanii irratti hanga bineensaa hanqachuun, murna abbaa irree warra filannoo uummataa malee aangoo impaayerittii gubbaa taa’aniin uummata silaa kabajni maluuf akkasumas utubaa impaayera Itoophiyaa ta’an har’a tuffachuun yeroo itti bineensi bosonaa illee mirga argatetti kan uummata Oromoo garuu qe’ee isaa irratti salphina ta’e.

Haaluma kanaan torbee darberraa kaasuun Arsii Bahaa aanaa Sirkaa keessatti, waraanni akka uummata Oromoo balleessaniif dirqama Abiy Ahimed irraa fudhatanii bobba’an, gandoota aanaa Sirkaa keessa jiran keessatti manneen qonnaan bultootaatti ibidda shiduu fi gariin namootaaf ammoo qabuun achi buutee dhabamsiisaa jiru.

Humni badiin waraana murna PP uummataaf naatoo kan hin qabne, gocha suukkanneessaa nama gaddisiisu raawwachuun qe’ee isaaniirraa uummaticha buqqaasaa manneen kan gubaa jiraaniin alattis loon isaanii qalatanii nyaachaa akka jiranis dabaluun ibsaniiru.

Sababa quunnamtii bilbilaaf jecha maqaa namoota gochoonni armaan olitti caqasne kun irratti raawwatame kan hin argannee fi ammatti ragaa jiraattota irraa arganneen namoonni 110 achi buuteen isaaniis dhabamee jiraachuus dabaluun ibsaniiru.

Akka Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa jiraattota aanaa Sirkaa dubbise tokko tokko jedhanitti namoonni bosonatti baqatanii jiran daa’immanii hanga maanguddootaatti kan bosona jiran yoo ta’u, yeroo kanas waan nyaatanii fi dhugan illee dhabuun gargarsa akka barbaadan dhaammatanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading