ONM-ABO Waxabajjii 6, 2024
Chaayinaan nagaa fi tasgabbii Peeniinsulaa Kooriyaa eeguuf kutannoo kan qabdu yoo ta’u, jechoota ykn gocha waldhabdee peninsula kanaa hammeessan kamiyyuu akka mormitu dubbi himaan ministeera dhimma alaa Roobii kaleessa ibsaniiru.
Dubbi himaan Mao Niing kana kan dubbatan ibsa gaazexeessitootaaf guyyaa guyyaan kennaniin yoo ta’u Rippabilikni Kooriyaa “hanga wal amantaan gama lamaan gidduutti deebi’utti waliigaltee waraanaa Fulbaana. 19 Rippabiliika Dimookiraatawaa Uummata Kooriyaa Kaabaa waliin taasisan guutummaatti akka addaan kutuuf murteessite hordofee ti.” Boodarra waraanni Rippabiliika Kooriyaa akka jedhetti shaakala fi leenjii naannoo lafa, galaanaa fi qilleensaa Rippabiliika Kooriyaa fi Rippabilika Dimookiraatawaa Uummata Kooriyaa Kaabaa gidduutti taasifamu irratti deebisee jalqabuuf karoora baafate.
”Nagaa fi tasgabbii Peeniinsulaa Kooriyaa eeguun dantaa waloo qaamolee dhimmi ilaallatu hundaaf tajaajila,” kan jedhan Maa’oon, yeroo dhiyoo asitti haalli Peeniinsulaa irratti walxaxaa ta’uu, waldhabdeen qaamolee dhimmi ilaallatu gidduutti cimee akka ture ibsaniiru. Chaayinaan haala yeroo ammaa kana yaaddoo keessa jirtis jedhan.
Chaayinaan nagaa fi tasgabbii peninsula kanaa eeguuf kutannoo qabdi, gama mariitiin hariiroo fooyyessuuf qaamolee dhimmi ilaallatu ni deggarti, jechoota ykn gocha waldhabdee hammeessan kamiyyuu ni mormiti jedhan Maa’oon.
“Qaamoleen dhimmi ilaallatu tasgabbaa’anii, of qabuu, of eeggannoodhaan akka dubbatanii fi socho’an, akkasumas nagaa fi tasgabbii peninsula kanaa eeguu keessatti gahee ijaarsaa akka taphatan abdii qabna,” jedhan.
Haa ta’u malee mootummaan kooministii Chaayinaa yeroo dhimma nageenya biyyootaa fi olloota isaa dubbatutti biyya keessaa ammoo lammiilee isaa diimookiraasii deggeran hidhaa fi biyyaa baasaa jira.
Dheengadda Waxabajjii 4, 2024 yaadannoon waggaa 35ffaa mormii mootummaa Koominiistii irratti deggertootni diimookiraasii barattootaa fi gita hawaasa hunda hammaate bara 1989 geggeeffame yaadachuuf ba’an hidhaa turuu gabaasni Xinhua fi Rooyitars irraa arganne ni addeessa.


