ONM-ABO Waxabajjii 6, 2024
Akkuma namni baduu ka’e nama balleessa jedhan murni PP’s muddama hamaa keessa galuun daa’imman hoomaa hin beekne dabalatee namoota hedduu mana hidhaatti galchee dararuu, ajjeesuu fi achi buutee dhabamsiisuu hojii idilee isaa godhateera.
Akka kanaanis godina Qellem Wallaggaa ona Daallee Sadiitti waraanni maafiyaa PP ijoollee ol adeemtuu funaanuun achi buutee dhabamsiisaa jiraachuun himame.
Ganda Caammoo irraa mucaa maqaan isaa Gammachuu Taayyee jedhamu kan umuriin isaa 12 ta’e gaafa Caamsaa 28, 2024 “WBO’tu as qubate” jechuun qabanii erga ugguranii hanga har’aatti achi buuteen isaa dhabamee jira jedhu jiraattotni.
Akkasumas onichatti waraanni PP uummataan waardiyyaa eegaa” jechuun dararaa kan jirtuu fi namni waardiyyaa bahuu dide immoo adabbiin isaa cimaa ta’uu jiraattonni ibsuun, sababa kanaan hojii qonnaa isaanii irraa dadhabanii galuun eegumsa ba’uun rakkachaa jiraachuu himaniiru.


