• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Gujii Lixaa aanaa Qarcaa keessatti dhukaasa meeshaa gurguddaa hawaasa nagaatti fageenya irra dhaabbachuun dhukaasaniin lubbuun namaa fi beelladaa yoo darbu qabeenyis manca’e

Jun 7, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 5, 2024

Sirni badiin aantummaa uummataa hin qabnee fi akka mootummaatti of waamu kan guyyuu uummata Oromoo lafa irraa balleessuuf halkanii fi guyyaa tarsiimoo badii baasaa bulu mataan nafxanyootaa koloneel Abiy Ahimediin durfamuun ergamtoota sirnichaa gaaffii uummata Oromoo karaa nagaan deebisuu irra humna waraanaatti fayyadamuu furmaata godhatan bobbaasuun gochaawwan uummata Oromoo gadadootti hambisuu fi biyyarraa godaansiisu raawwachaa oolu.

Sirni waan cufa humna waraanaan xumuruu barbaadu akkuma kan dandeessu dhaani jennaan gowwaan galee niitii isaa dhaane jedhan shiftoonni kunneenis qaama hidhatee hanga mooraa isaaniitti itti seenee kurkursee moonaa isaanii keessaa yaasaa jiru jala dhaabbachuu dadhabuun meeshaa gurguddaa fageenya dheeraa deemuu danda’u   tilmaaamaan dhukaasuun lubbuu namaa fi qabeenyaa hawaasaa irraan miidhaa jabaa geessisaa jiru.

Guyyaa kaleessaa jechuun Waxabajjii 4, 2024 godina Gujii Lixaa aanaa Qarcaa ganda Baddeessaa iddoo addaa Utee Sarroo jedhamutti dhukaasa meeshaa kanneen akka Moortera, ZU-23, madfii fi diishqaa fayyadamaniin lubbuu namoota nagaa sadii galaafachuun, manneen qonnaan bultootaas yoo guban  beelladoonni hedduunis ajjeefamuu jiraattotni ONM’tti himan.

Uummanni gandichaa yeroo ammaa shororkaa guddaa keessa galuun gara itti baqatan dhabanii haala yaaddessaa keessa akka jiranis dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading