ONM-ABO Waxabajjii 7, 2024
Yeroo adda addaatti murni gabroomfataa PP shira hamaa xaxuun uummata Beenishaangul Gumuz uummata Oromootti diinomsuun sababa tokko malee uummanni Gumuz uummata Oromoo akka xiyyaan diruu fi rasaasa itti roobsuun qe’ee fi qabeenya isaanii irraa akka buqqa’an gochaa kan ture, yeroo ammaa kanas akkuma duraaniitti shira xaxuun uummata buqqisiisaa jiraachuun jiraattotaan ibsame.
Lola guyyoota sadiif Caamsaa 22-24, 2024’tti godina Matakkal ona Dibaax gandoota sadiitti hidhattoota Gumuziin uummata Oromoo irratti banamee tureef, bulchiinsi ona Haroo Limmuu Dachaasaa Hayilee kan jedhamu harka keessaa qabaachuun ibsamee jira.
Onichatti gandoonni sadan: Suukkan, Amuuruu fi Daallee kanneen jedhaman qe’ee fi qabeenya isaanii irraa kan buqqa’an yoo ta’u, bulchaan ona Haroo Limmuu gara Yaasootti bilbiluun “diinatu nu gidduu jira waan ta’eef, nu gidduutii baasaa!” jedhee hawaasa diinomsuun akka buqqa’aniif sababa ta’uu jiraattonni dubbatu.
Sababa kanaanis namoonni kumaatamaan lakkaa’aman buqqa’uun manni isaanii jalaa gubachuun qabeenyi isaaniis jalaa dhuunfatamee jiraachuun haala yaadessaa keessa akka jiranis ONM’tti himaniiru.


