ONM-ABO Waxabajjii 7, 2024
Gareen dhiiga ilmaan hiyyeessaan harka dhiqachaa jiru PP’n godina Lixa Harargee aanaa Daaroo Labuu ganda Ibsaa jedhamu keessatti abbaa ilmaan torbaa kan maqaan isaa Mahaammad Jundii jedhamu sababa ilma kiyya waraana isa hin ilaallanneetti hin ergu jedhe qofaaf ji’a Caamsaa keessa gaafa 14, 2024 mana isaatii fuudhanii mana hidhaa ganda Ibsaatti yeroof akka hidhan jiraattotni himan.
Maanguddoo kanas maatiin akka hin agarre dhorkuun erga guyyaa 10 hidhanii booda reebicha ulfaataa gara jabummaa guddaan irratti raawwachuun achii baasanii hospitaala Machaaraa geessanii achirraa gara magaalaa Galamsootti dabarsuun hospitaala magaalaa Galamsoo keessatti Caamsaa 30, 2024 lubbuun darbee jiraachuu maddeen onichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Lukkeeleen murna PP kufaa jiru kanaaf halkanii guyyaa hojjachuun gochoota suukkanneessoo akkanaa uummata nagayaa irratti hojjechiisaa jiran milishoota maqaan isaanii Ahimed Ibraahim, Ahimed Hasanee, Sabaahuddiin Umar fi Jamaal Adam kanneen jedhaman ta’uu maddeen kunneen dabaluun ibsuun dhiigni maanguddoo kanaas harka milishoota kanaan akka darbes ibsaniiru.



