ONM-ABO Waxabajjii 7, 2024
Kabajni silaa barsiisotaaf kan malu hojii guddaa hojjechuun miindaa xinnoo kan argatan har’a garuu milishoota gandaa leenjii siyaasaa fi waraanummaa hin qabneen bakka hedduutti lubbuun barsiisotaa akka dhiiga sareetti jigaa jira.
Godina Iluu Abbaa Booraa ona Ukkaatti namoota hedduu ajjeesee dhabamsiisaa kan ture waraanni impaayera Itiyoophiyaa, magaalaa Ukkaatti barsiisaa maqaan isaa ‘Ayyaanaa Tasfaayee’ jedhamu badii tokko malee Oromummaa isaa qofaaf Ebla 25, 2024 ajjeesanii gatuun eerame.
Barsiisaa Ayyaanaan magaalaa Ukkaarraa barsiisaa kan turee fi nama naamusa qabuu fi sammuun isaa miidhamaa ta’uu kan himan jiraattonni, “qawwee nurraa butuuf ka’e” jechuun jecha sobaa itti maxxansuun milishaan sirnichaa machooftee deemtu lubbuu isaa akka galaafattes himan.
Godinicha keessatti barsiisonni dhalootaan Wallaggaa fi Lixa Shaggar irraa dhaqanii achitti barsiisan yeroo hedduu bakka dhalootaan fo’amuun hidhaa fi ajjeechaan irratti geggeeffamaa turuu gabaasuun keenya ni yaadatama.


