• Wed. Nov 25th, 2026

Kibba Lixa Shaggar aanaa Wallisoo keessatti ajjeechaa suukanneessaa fi hidhaan uummata nagaa irratti loltoota PP’n raawwatame

Jun 9, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 7, 2024

Duulli namoota nagaa ajjeesuu murna bilxiginnaan guutuu Oromiyaatti labsamee jiru jabaatee itti fufuun godiinota Oromiyaan qabdu cufa keessatti bifa haaraan guyyaa guyyaan geggeeffamaa jiraachuu jiraattootni dubbatu.

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Wallisootti jiraattonni gandoota baadiyyaa fi bulchiinsa magaalaa rakkoo hamaa waraana PP’n irratti adeemaa jiruun badii tokko malee yakkamaa ta’anii ajjeefamaa jiraachuu himuun, ilmoon namaa kabaja dhabuu bira darbee ajjeefamee bineensaan nyaatamaa jiras jedhu.

Bifuma kanaan namoonni murtii seeraa tokko malee baatii kana qofaa keessa ajjeefaman hedduu ta’uu himaniiru. Isaan keessaa muraasni maqaan isaanii nu ga’e: ganda Foduu Goraa irraa Taajuu fi Wayyeessaa Jamaal kanneen jedhaman mana keessatti ajjeefamuun boolla tokkotti  awwaalamaniiru.

Tokkummaa Wanduu kan jedhamu ammoo ganda Walluu Soomaatii qabamee naannawaa magaalaa Wallisootti kan ajjeefame yoo ta’u, abbaan isaa ammoo qe’ee irraa waraana bilxiginnaa baqachuun bakka hojii isaa gadhiisee godaanee jira.

Makkoo Jamaal kan jedhamtu rasaasaan morma keessa rukutamuun hospitaala Luuqaasitti yaalamaa kan turte yoo ta’u, abbaan ijoollee sadii kan maqaan nu hin geenye  maaloo lubbuu kiyya na oolchaa jedhee osoo kadhatuu  gara jabeenya waraana bilxiginnaan rasaasaan rukutamee lukti isaa muramuuf  beellamaan jiraachuu jiraattonni himan. 

Namoota WBO simattan jedhamanii ganda Buqqaasaa Kattaatii waraana sirnichaan qabamanii mana hidhaatti hiraarfamaa jiran ammoo maqaan isaanii Geetaachoo Raffisaa, Fiqaaduu Dabarsaa, Takiluu Akkabbaa, Ifaa Ulfaataa, Nugusee Angaasuu, Taarraqany Tazarraa akkasumas ganda Dirree Duullattii keessaa ammoo abbaa qabsaa’aa Isheetuu Laggasaa fi Silashii Saardoo kanneen jedhamaniidha.

Maatiin qabsaa’otaas maqaa ilmaan isaaniif mana sagal (9) cufanii kan baqatan yoo ta’u, poolisiin meeshaalee manaa isaanii itti seenee caccabsee tajaajilaan ala taasiseera.

Yeroo ammaa kana mana hidhaa bulchiinsa magaalaa Wallisoo keessatti daa’ima ganna 13 dabalatee namootni hedduun hidhamuun lafti ciisichaa hanqatee jiraachuu dabaluun ibsaniiru. 

Leave a Reply