ONM-ABO Waxabajjii 7, 2024
Hawaasni Oromoo erga cunqursaa sirnoota abbaa irree jalatti kufee kaasee qabeenya isaa irratti abbummaa dhabuun, ilmaan isaa waraana faashistii PP’n butamee hidhaan dararamuu, dirqiin mooraa waraanaatti ergamee sanyii isaa akka ajjeesuuf ajajamuu fi beenyaa tokko malee eegumsa impaayerattiif lubbuu akka laatu taasifamaa jira.
Akka kanaanis godina Jimmaa magaalaa Jimmaa fi onoota godinichaa keessatti namoota butuun jabaatee kan jiru yoo ta’u, torban kana keessa aanaa Oomoo Beeyyamitti maanguddoonni lama kanneen ammaaf maqaan nu hin geenye sababa ilmaan keenya isiniif hin laannu jedhan qofaaf waraana sirnichaa fi kaadirootaan reebichi hamaan irratti raawwatamuu ibsaniiru.
Akka jiraattonni jedhanitti maanguddoonni ijoolleen isaanii dirqamaan waraanatti ergamaa jiran komee qaamolee maqaaf aangoon harka jirutti dhiheeffannaan namichi maqaan isaa Tashoomee Rafeeraa jedhamu akkamitti na komattu jechuun haala hamaan lafatti kuffisee ciibsee reebaa turuu maddeen itti siqeenyaan beekan nuuf eeranii jiru.
Dabalataanis aanaa Oomoo Beeyyam keessatti maqaa kaffaltii gibiraa, inshuuraansii fayyaa, buusaa gonofaa, tumsa milishootaa fi kanneen hafan biroo maqaa dha’uun yeroo yeroon waraanni gabroomfataan PP saamaa akka jirus dabaluun ONM’tti himaniiru.
Mataan nafxenyootaa Abiy Ahimed impaayerattii keessatti uummata dararaa filannoo diimookiraatawaa Afrikaan Kibbaa geggeessite kan uummatni fedhii isaa agarsiisetti maqaa baga gammaddaniin dhimma diimookiraasii kaasee, qaamni diimookiraasiif faallaa fi labsii waraanaan bulchu filannoon Afrikaa Kibbaa ulaagaa diimookiraasii kan kabajeedha jechuun ergaa saalfachiisaa ofii diimookiraasiitti hin bulle kaleessa miidiyaalee isaan tamsaasaa ture.




