• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa keessatti saamichii fi ajjeechaan murna gabroomfataa bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaate

Jun 9, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 7, 2024

Guyyaa irraa gara guyyaatti reeffa ilmaan Oromoo bineensa nyaachisuu, saamuu fi hidhuun gidiraa dhala namaaf hin malle saamtota waraana isaa uummata Oromootti bobbaasee jiruu fi jireenya uummata nagaa barbadeessaa kan oolu bilxiginnaan gochoota diinummaa isaa hawaasa irratti hammeessaa jiraachuun kan beekamuudha.

Sabaa fi sablammoota impaayerattii keessa jiraatan keessaa addatti Oromoo irratti xiyyeeffachuun kaayyoo abbaa isaa Milinikiin milkeessuuf duguuggaa sanyii Oromoota irratti raawwachaa kan jiru koloneel Abiy Ahimed yeroodhaa gara yerootti saamtota waraana isaa ilma namaaf kabaja hin qabne qe’ee Oromootaatti bobbaasuun lubbuu lammiilee nagaa obbaasaa fi qabeenya namootni jireenya isaanii guutuu horatan saamaa oola.

Faashistoonni murna PP Waxabajjii 5, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa magaalaa Liqixii jedhamtu keessatti dargaggeessa Oromoo tokko kan maqaan isaa hin beekamne iddoo biraatii qabanii fiduun ajjeesanii daandii gubbaatti gatan.

Aanuma kana keessatti obbo Abuu Ganamoo kan jedhaman guyyuma dheengaddaa kan ajjeesan yoo ta’u, amma immoo mana isaanii diiganii barbadeessuun qabeenya mana guutuu fi qullubbii Diimaa konkolaataa tokko gara ganda Ashunfaatti fe’atanii jiru.

Waxabajjii 4, 2024 dargaggoo maqaan isaa Abaa’oo jedhamu magaaluma Liqixii keessatti ajjeesuun maatiin reeffa mucaa isaanii kaafatanii akka hin awwaallanneef daangessanii turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti  himaniiru.

Torbee dhuma kana keessa godinuma kana aanaa Begii fi Qondaalaa keessatti namoota ajjeesanii daandii gubbaa irratti gatanii deemuu gabaasuun keenya kan yaadatamuudha.

Leave a Reply