• Thu. Nov 26th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Dandii keessatti saamichi qabeenyaa fi reebichi hamaan maqaa WBO’n uummata irratti raawwatamaa jira

Jun 9, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 7, 2024

Waraanni goolessaan Koloneel Abiy Ahimed uummata nagaan jiruu isaa geggeeffatu kanneen siyaasa keessaa quba hin qabnee fi karoorri isaa yeroo hunda akkaataa ittiin qonnaa qotatee jireenya isaa fi maatii isaa jijjiiru irratti kan xiyyeeffate ilaacha sobaan yakkuun qabeenya isaa guyyuun saamaa oolu.

Sirni cubbuu hin sodaannee fi dafqa haadha hiyyeessaaf ciisee hin bulle kunneen akkuma Oromiyaa bakkeewwan hedduutti gocha qorqalbii hawaasaa miidhu raawwachaa jiran Lixa Shaggar aanaa Dandii ganda Daannisa Shoonnoo keessattis kaleessa Waxabajjii 6, 2024 hidhattootni sirnichaa gara ganda sanaatti bobbaafaman horii hawaasaa saamuun namoota hedduu irrattis reebicha ulfaataa raawwatan.

Hidhattootni sirnichaa kunneen nama maqaan isaa Garramaa Soonnaa jedhamu jalaa sangaa tokko kan inni waqtii qonnaa kanatti hojii qonnaa isaa ittiin geggeeffatu harkaa yoo fudhatan, nama Kumaa Caalaa jedhamu jalaayis sa’a tokko jabbii ishee waliin jalaa fudhachuun gara magaalaa Gaalessaatti fudhatanii deemuu jiraattotni kunneen dabaluun ibsan.

Namoonni kunneenis namoota harka qalleeyyii fi hojuma qonnaan jiraatan yoo ta’an gareen saamichaaf bobba’e kunneenis harka duwwaatti isaan hambisuun harkaa saamee egeree maatiitti yaaddoo guddaa naqee jiraachuus dabaluun ibsaniiru.

Maqaa WBO waliin walitti dhufeenya qabduutiinis namoonni nagaan reebichi hamaan irratti geggeeffamuun kanneen mana yaalaatti fayyuu hin dandeenye illee keessa akka jiran dabaluun ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply