ONM-ABO Waxabajjii 7, 2024
Uummanni Oromoo barachuu qaba lammiin barate ammoo mirga isaa gaafata kan jedhan Jeneraal Taaddasaa Birruu, barattootni Oromoo qabsoo bilisummaaf uummanni Oromoo geggeessu keessatti ga’ee guddaa akka qaban murni bilxiginnaa hubachuun, yoo baratan gaaffii mirgaa gaafatuu fi taayitaa kiyyaaf yaaddoo ta’u jechuun manneen barnootaa jijjiguun haaromsa ga’an silaa qaamni biyya bulchu hordofee kan furmaata itti godhu ture dhiisuun diigaa fi diigsisaa jira.
Murni faashistii PP kun faallaa isaa diinummaa uummata Oromoof qabu ifatti agarsiisuun, barattoota Oromoo egeree boriif abdachiisoo ta’an illee, golee Oromiyaa mara keessatti, keessattuu kanneen Yuunvirasitii baratan yeroo isaan maatii dubbisuuf qe’eetti galan eessaa dhufte? Ittiin jechuun ija maatii duratti rasaasaan rukutee ajjeesaa jiraachuu isaaniis ONM gabaasaa turuun ni yaadatama.
Akkuma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti manneen barnootaa 11, jijjiguun barattootni hedduu rakkachaa jiru. Manneen barnootaa jijjigan kunneenis mana Barumsaa Leedii, Caalii, Qotiitii, Habaqa, Odaa Diimaa, Harruqqee, Hara Wajiiree, Masaleetaa, Waaccootaa, Doogamaa, fi Goohaa, ta’uu barattootni dubbifne kun ibsaniiru.
Akka barattootni fi barsiisoonni yaada isaanii nuuf qoodan jedhanitti nu barnootaaf fedhii guddaa osoo qabnuu manneen keessatti barannu dhabuu fi barsiisonni dadhabbii tokko malee miindaa xiqqoon magaalaa fi baadiyyaa keessa deemuun dhaloota kan qaran yoo ta’u, barsiisota kanneen irratti karaa caasaalee PP’n dararaan adda addaa kanneen akka miindaa dhorkachuu fi hojii irraa ari’uu irratti raawwachaa akka jiru barattootni kun miira aarii fi gaddaan guutameen dubbataniiru.
Mataan nafxanyootaa manneen barnootaan dhibbootaan lakkaa’aman diigamanii dhibboota keessatti barnootni dhaabbatee, barattootni miliyoona 9 ol barnootaan ala ta’anii jiru jechuun bakka dhaabbanni idil addunyaa dubbatee fi imbaasiin Ameerikaa Finfinnee jiru barattootni dhibbentaa 33’tti dhiyaatan barnootaan ala bakka jedhanitti ija ashaboon dhiqatee qaanii malee barnootaan milkoofnee jirra jechuun baniinsa Maree Biyyaalessaa bilxiginnaa irratti dubbatee turuun ni yaadatama.









