• Fri. Mar 13th, 2026

Ajjeechaa qondaala ABO Jaal Battee Urgeessaan walqabatee PP’n sobaan obboleewwan isaatti quba qabaa jiraachuun dhagaa’ame

Jun 10, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 8, 2024

Qaroo fi hayyoota Oromoo uummata isaanii biratti aantummaa, cichoomina, gootummaa fi ija jabinaan saba isaaniif falmuun uummata Oromoo biratti jaalala, hawwattummaa, kabajaa fi fudhatama guddaa argachuun siyaasa impaayerattii keessatti dhibbaa guddaa uuman haamilee ittiin dirree yaadaan yookiin siyaasaa irratti waliin falmee injifachuu kan dhabe bilxiginnaan akkuma amala isaa fi abboota irree karaa nagaa fi siyaasaa irra humna qabutti fayyadamee dhabamsiisuu, hidhuu fi kumaatamaan hidhaatti guuree dararuu furmaata godhatee marartoowwan sabaa fi abdii biyyaa dukkaneessan fudhachuun lammilee boossisaa fi yaaddoo hamaa keessa galchaa jira.

Haalli kun Impaayerattii keessatti akkuma baratamaa ta’e qondaalota siyaasaa karaa nagaa qabsaa’anii fi artistoota ajjeesee dhugaa isaanii qara dabarsuu fi gariin ammoo mana hidhaa keessatti dararaa kan jiru yoo ta’u, artist Haacaluu Hundeessaa fi Daadhii Galaan akkasumas Mo’ii-Boon Baqqalaa ifaa ifatti ajjeesuun namoota qulqulluu ta’anitti haqatanii bira darbuun kan hin dagatamne yoo ta’u dhugaa Jaal Battee Urgeessaas qara dabarsuuf haafa bilxiginnaan hin guurre hin jiru.

Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa akkuma Jaal Batteen ajjeefameen namoota sadii bakka ajjeechaa sanatti ergee qorannoo jalqabus waraabessi waan guyyaa godhe beekaaf halkan baqata akkuma jedhan namoota gaafa sana achiitti argaman irraa ragaa fudhatee osoo hin obbaafatin namoota sana qabee kan hidhee fi obboloota Jaal Battee irraas ragaa akka hin fuune godhee dhuma irratti Komishinii mirga namoomaa Itoophiyaa iyyuu akka qorannoo hin gaggeessine dhugaa jirtu awwaaluuf dhorkuun isaa ni yaadatama.

Gareen qorannoo kun ragaa namootaa sassaabeen ajjeechaa Jaal Battee Urgeessaa irratti haalota hirmaannaa qaamolee nageenyaa mootummaa agarsiisan argachuu himuun guyyaa sana magaalattiin haala baratamaa hin taaneen bajaajii fi konkolaataa naannoo sa’a 11:30’tii kaasee dhowwaa turuu, lafa inni siree qabatee mooraa sana keessatti humnoonni nageenyaa mootummaa uffata reenjerii uffatanii kuuffiyyaa diimaa godhatanii fi bakka erga ajjeefame booda gatamettis konkoolaataan ibsaa dhamsanii gatuu isaanii namoota ijaan argan irraa mirkaneeffanneerra jedhe.

Garuu ijji qaanii hin beekne ciimmaan nama ilaalti akkuma jedhan dubbii isa ilaallattu kan Ebla 10, 2024 ergama Abiy Ahimed fudhachuun Koreen ajjeechaaf qindaa’e Baha Shaggar aanaa Dugdaa  magaalaa maqii keessatti mana siree Abbabaatii gad basuun bixilginnaan ajeechaa ofii raawwateen qondaala ABO Jaal Battee Urgeessaa gochaa tasumaa hin fakkanne obboleessa isaa kan ta’e dargaggoo Miiloo Urgeessaa fi Shubullaa Waaneetiin sobaatii dogoggoraan nutu ajjeese jedhaatii dubbadhaa miidiyaa OBN isiniif dhiyeesina jechuun doorsisaa jiru.

Kana malees jireenya biyya keessaa yoo jibbitan karaa Keeniyaatiin biyya alaa deemtu yoo feetanis karaa Boolee paaspoortii isiniif hojjechiisnee biyya feetanitti isin erginaa fi maallaqa barbaachisu isiniif laanna jechuuniin amansiisuuf yaalaa jiru.

Gochaa keenya malee hin dubbannu rasaasuma  oboleessa keenya ittiin ajjeeftaniin nu ajjeesaa malee urjii fi qaroo uummata Oromoo  lubbuu tokkittii isaa osoo hin qusanne uummata Oromootiif laate nuti jiruu keenyaaf jennee seenaa gootaa fi seenaa keenya hin balleessinu, maatii, firoottan keenyaa fi uummata Oromoo irratti dararaa baqaa fi garaaf jennee yakka seenaan hin daganne hin hojjennu jechuun  ergamtoota faashistii Abiy Ahimediif deebii quubsaa deebisaniiru.

Sababa kanaanis gareen Abiy Ahimed irraa ergamee dhimma kana hordofaa ture, yaadni isaanii fudhatama dhabuu hubachuun hidhamtoota kana irraan dhiibbaa ga’uuf jecha  galmeen himannaa isaanii mana murtii aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessatti argamu keessatti akka hin ilaalamne godhanii jiru jechuun poolisiin magaalattii maqaan isaa akka hin dha’amne barbaadu tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading