ONM-ABO Waxabajjii 10, 2024
Gareen ogeessota fayyaa Kooriyaa Kibbaa guddaan karoora haaromsa eegumsa fayyaa mootummaa mormuuf Waxabajjii 18, 2024 hojii dhaabuuf Dilbata kaleessaa ibsan.
Waldaan Meedikaalaa Kooriyaa kan ogeessota fayyaa biyyattii 140,000 bakka bu’u jedhame miseensonni sagalee kenname irratti hirmaatan keessaa %74 ”tarkaanfii waloo” raggaasisaniiru.
Pireezidaantiin waldichaa Liim Hiyuun-taek karoorri mootummaa sirna yaalaa biyyattii kan balleessu yoo ta’u, rakkoo yeroo dheeraa ogeessota fayyaa ogummaawwan barbaachisoo ta’an irratti hojjetan xiqqaachuu fi beenyaa gahaa dhabuu jijjiiruuf homaa hin godhu jedhan.
Liim walgahii bakka bu’oonni gareewwan yaalaa adda addaa irratti hirmaatan irratti, “Deeggarsa bakka bu’oota guutuu biyyattiitiin Waldaan Meedikaalaa Kooriyaa (KMA) falmii sirna yaalaa baraaruuf taasifamu keessatti adda duree ta’ee ni dhaabata,” jedhan.
Liim miseensonni Waxabajjii 18 hojii akka dhaaban fi hiriira ummataa gaggeessuuf karoorri akka jiru dubbataniiru.
Doktooronni Kooriyaa Kibbaa karoora barattoota haaraa manneen barnootaa fayyaa seenan 3,000 amma jiran irraa 2,000’n guddisuuf qophaa’e mormaniiru.
Doktooronni leenjifaman kumaatamaan lakkaa’aman kanneen leenjifamtoota yaalaa fi ogeessota fayyaa jiraattota of keessaa qaban Guraandhala 20 hojii irraa kan ka’an yoo ta’u, kunis hospitaalonni gurguddoon tajaajila balaa tasaa hin taane akka hir’isan fi dhukkubsattoota kutaa balaa tasaa keessatti argaman duubatti akka deebisan dirqisiiseera.
Mootummaan daballiin kun hanqina ogeessota fayyaa cimaa waggoota dhufan keessatti hammaatu guutuuf barbaachisaa ta’uu ibseera.
Walgahii KMA dura mootummaan gareen kun tarkaanfii nageenya ummataa balaadhaaf saaxilu akka hin fudhanne waamicha dhiyeessee, maqaa ogeessota fayyaa irratti dha’icha kan geessisuu fi ogummaa fayyaa irratti amantaa akka hir’isu ibseera.
Ministirri Muummee Haan Duuk-soo tarkaanfiin waloo hakiimonni fudhatan kamiyyuu seeraan ala ta’uu fi baay’ee kan nama gaddisiisu ta’uu ibsuun, waldhabdee kana furuuf waamicha marii irra deebi’anii dubbataniiru.
”Amantaan hawaasummaa hawaasni yaalaa fi dhukkubsattoonni waggoota kurnan hedduudhaaf ijaaran sababa gaaffii hundee namoota muraasaatiin kufe hafuu hin qabu,” jechuun Haan ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin dubbataniiru jechuun Rooyitars gabaaseera.




