• Thu. Mar 19th, 2026

Godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu keessatti namoonni sadii haala suukkanneessaan loltoota sirnichaan ajjeefaman

Jun 10, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 9, 2024

Gara jabeenyi sirnichaa guyyuma guyyaan dabalaa deemuun namoonni nagaan sababa tokko malee rasaasa waraana naamusaa fi dandeettii loltummaa hin qabneen ajjeefamaa oolu.

Oromiyaa dirree dhiigaa fi saamtootaa taasifachuun sirni badii PP ilma namaa hanguma saree illee kabaja dhorkachuun ajjeesaa fi ajjeesee bineensa nyaachisaa jira. 

Caamsaa 30, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu ganda Hurutaa Dooree keessatti namoota sadii Jimaa maaf gurgurtan jechuun sababa tokko malee ajjeesuu isaanii jiraattotni ibsan.

Namoonni ajjeefaman kunneenis maqaan isaanii Adam Bariisoo, Awwaloo Abdallaa fi Tolaa namoota jedhaman yoo ta’an, namaoota kana waraanni faashistii PP kun haala suukkanneessaan ajjeesanii bakkeetti gatuu jiraattotni gandichaa himaniiru.

Aanicha keessatti dararriin daangaa darbe raawwatamaa kan jiruu fi namoonni nagaanis maqaa WBO waliin hariiroo qabdu jedhuun qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’aa fi baqachaa jiraachuu dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading