• Sat. Jan 10th, 2026

Godina Lixa Harargee ona Shanan Dhugootti PP’n barsiisota hojii idilee isaanii irraa ari’aa jiraachuun himame

Jun 10, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 8, 2024

Barsiisaan miindaa xiqqaa argatuun aarsaa barbaachisu hunda baasee bakka hunda keessa haala mijataa osoo hin filanne sammuu dhalootaa qaruun doofummaa balleessuu irratti duula geggeessaa jiraachuun beekamaa ta’ee osoo jiruu, Oromiyaa godinaalee adda addaa irraa immoo hidhamee, reebamee, arrabsamee, ajjeeffamee, saamamee, osoo obsaan uummata tajaajiluu bilxiginnaan dararaa irraan ga’u jabeessee jira.

Haaluma kanaan, godina Lixa Harargee ona Shanan Dhugootti PP’n barsiisota hidhuu fi hojii irraa ari’uu itti fufee jira. Kana duras onichatti barsiisaa Boonaa Aliyyii Muusaa fi barsiisaa Ahimad Muummee kanneen jedhaman “Facebook irratti waa maxxansitan” jechuun hidhamanii kan turanii fi barsiisota maqaan isaanii nu qaqqabe:

1. Barsiisaa Muusaa Abdullaa

2. Barsiistuu Aashaa Mahaammad Usmaa’el 

3. Barsiisaa Aliyyii Ahimad Adamee

4. Barsiisaa Naasiraa Abraahim

5. Barsiisaa Shaafii Mahaammadii fi k.k.f hedduu sababa tokko malee hojii idilee isaanii irraa ari’amanii jiraachuun ifoomeera.

Hooggansa Waajjira paartii badhaadhinaa kan ta’e Ahimad Mahaammad kan jedhamuu fi hoogganaa waajjiira barnootaa ona Shanan Dhugoo kan ta’e Huseen Jamaal kan jedhamu barsiisota quuqama sabaa qaban kana waliin ta’anii hojii irraa ari’aa jiraachuu barsiisotni aanaa Shanan Dhuggoo  ONM’f himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading