ONM-ABO Waxabajjii 10, 2024
Gareen saamichaaf filannoo seeraan alaan aangootti ol ba’e bilxiginnaan, aangoo jireenya isaanii fi jaal’attoota isaaniif qananii kennu jabeeffachuuf uummata Oromoo irraan miidhaa gurguddaa ga’aa jiru.
Haaluma kanaan Kamisa darbe Waxabajjii 6, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel ganda Baarkoo keessatti waraanni maafiyaa PP qabeenya hawaasaa irratti saamicha geggeessee jira.
Namootni saamichi kun irratti raawwates Obbo Abbabaa Caalii, Indaaluu Fufaa, Daannoo Bookaa, Tamam Mokonnon, Saadaam Malkaamuu, Lalisaa Nagaraa, Qalloo Sayid fi kanneen maqaan isaanii nu hin ga’in akka jiran barameera.
Aanaa Baabboo Gambeel keessatti ergamtoota waraana faashistii PP’n saamichi, hidhaan, gubaatii fi ajjeechaan raawwachaa jiru guyyaa guyyaan jabaataa deemaa jiraachuu hawaasni aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.



