Haleellaa Israa’el giddu galeessa Gaazaa irratti xiyyeeffatte Sanbata kaleessaa yoo xiqqaate lammiileen Falasxiin 11 ajjeefamanii, hedduun ammoo madaa’aniiru.
Dhaabbanni oduu seeraa Falasxiin Wafa jedhamus kaleessa ganama barii irraa eegalee naannoo Falasxiin keessatti namoonni kudhanootaan lakkaa’aman miidhamuu gabaaseera.
Humnoonni Israa’el mana maatii Mhannaa naannoo Sheek Radwaanitti argamu erga rukutanii booda gareewwan ittisa siivilii daa’immanii fi dubartoota dabalatee reeffa shan caccabaa keessaa baasuu danda’aniiru jedheera.
Boombiin Israa’el kun mana baqattootaa al-Bureij giddugala Gaazaa keessa jirus irratti xiyyeeffachuun lammiilee Falasxiin ja’a ajjeesuu fi kaan ammoo madaa’uu dhaabbatichi dabalee ibseera.
Israa’el murtiin Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii hatattamaan dhukaasa akka dhaabbatu gaafatus erga Onkoloolessa 7 darbe haleellaa Hamaas raawwateen booda haleellaa gara jabinaa Gaazaa irratti raawwatte itti fufteetti.
Ergasii lammiileen Falasxiinota 36,700 ol Gaazaa keessatti kan ajjeefaman yoo ta’u, irra caalaan isaanii dubartootaa fi daa’immani. Kanneen biroo 83,500 ol ammoo madaa’aniiru jedhu aangaa’onni fayyaa naannoo sanaa.
Waraanni Israaʼel erga jalqabee jiʼa saddeet booda, lafti balʼaan Gaazaa nyaata, bishaan qulqulluu fi qoricha ugguramee naafa taʼe gidduutti diigamee jira.
Israa’el Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaatti duguuggaa sanyiitiin himatamtee dhaabbattee jirti. Murtiin isaa yeroo dhiyootti Tel Aviv magaalaa kibba Raafaa keessatti hojii ishee hatattamaan akka dhaabdu ajajee ture. Kibbi Raafaa kun bakka Falasxiinonni miliyoona tokkoo ol waraana kana Caamsaa 6 osoo hin weeraramin dura itti baqatan ture jechuun Dhaabbanni Oduu Turkii Anaadooluun gabaaseera.


