ONM-ABO Waxabajjii 9, 2024
Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf bilxiginnaan gocha maqa balleessii uummata addunyaa fi uummata Oromoo biratti waan gad hin guurree fi hin kaasne kan hin qabne sirni balfamaa kun, maqaa sanaan gochaa jibbisiisoo uummata nagaa irratti lukkeelee isaa ijaaree dalagsiisaa ooluu fi ofii dalagaa oola. Aalbeen nama qaluu, gudeeduu, loon dhibbootaan lakkaa’aman saamuu, qe’ee hawaasaa ona gochuu, manneen uummataa ganda tokkoo guutuummaatti gubanii balleessuu fi irra deddeebiin mana abbaa tokkoo gubuun deebisee waraana bilisummaa Oromootti qabachuuf muka inni hin qabanne hin jiru.
“Adurreen ofii nyaattee Sareetti qabatti”, akkuma jedhan, bilxiginnaan ajandaa adda addaa bixxilee gadi baasuun waan hamaa fi seenaa badaa qabu uummata irratti erga dalagee booda raawwii isaas waraana bilisummaa Oromoo gaafatama gochuuf lafa dhidhiitee miidiyaa qabuu fi afaan qabu hundaan kan tattaafatu yoo ta’u, dookumenterii sobaa adda addaa qopheessuu, maqaa waraana bilisummaa Oromoo faaluu, shororkeessummaa itti maxxansuu, saamtota waraana bilisummaa Oromoo fi qeerroo bilisummaa Oromoo fakkeessee ijaaruun gochaa maqa balleessii hanga WBO adunyaa biratti yakkee, yaalii dhabamsiisuu guddaa raawwachaa turuun isaa waanuma baratamaa ta’eedha.
Waraanni Bilisummaa Oromoo mataa dhukkubbii cimaa itti ta’uun halkanii fi guyyaa waraanicha xureessuuf jecha saamtota kana gaafa fedhan walitti guuranii waraana bilisummaa Oromootu karaa nagaa harka kennatee uummatatti deebi’uu fedha jedhanii ittiin hololuuf miidiyaa qabanii fi raayyaa miidiyaa ijaarrataniin hololaan lafa balleessaa turuun isaanii mul’achaa kan tureedha.
Akkuma kanaan Godina Lixa Wallaggaa aanaa Hoomaa gandoota akka Siibaa Caaroo fi Siibaa Meetos keessatti bara 2021-2024 hanga guyyaa qabamaniitti saamtonni maqaan isaanii Waaqkennee Asfaaw, Maatiwoos Tasfaa, Arabuu Iddoosaa fi Margaa Wandimmuu jedhaman maqaa qeerroo bilisummaa Oromoo fi WBO balleessuuf kaadiroota PP’n ijaaramanii saamicha maallaqaa fi buna dabalatee uummata Oromoo irratti gaggeessaa akka turan himaniiru.
Dirqama kanas bulchaa aanaa Hoomaa nama maqaan isaa Rattaa jedhamu irraa bara 2021’tti fudhatanii qawwee muka irraa tolfatanii fi uffata waraanaa bulchaa aanaa kana irraa argataniin akka saamicha kana jalqabanii fi boodarra qawween akka isaaniif kennamu itti himuun yoo sochii Waraana Bilisummaa Oromoo argan immoo qawwee mukaa isaanii akka dhoksaa turanii fi bulchaan aanaa sanaa yeroo ammaa isaan bobbaasuun saamsisaa jiru ammoo nama maqaan isaa Ayyaanaa Kamisoo jedhamu ta’uu dubbatu.
Akkasumas aanaalee adda addaa kanneen akka aanaa Ganjii, Haaruu, Noolee fi Sayyoo Noolee gandoota baay’ee keessatti fakkaattonni isaanii saamicha akka gaggeessaa jiranii fi odeessa garaagaraas akka kennaniif dirqamni itti kennamee jiraachuus himu.
Maallaqa haadha hiyyeessaa fi uummata homaa hin qabne, kan waraanni PP bunaa fi qabeenya isaa kaan saamuun gariin ammoo gubuun jalaa balleesse, isaan ammoo waan haftellee erga saamanii milishootaa fi bulchaa aanaatti kennuun boodarra akka addaan hirmaataa turan himaniiru.








