ONM-ABO Waxabajjii 8, 2024
Murni bilxiginnaa walitti bu’iinsa sabaa fi sablammootaa uumee siyaasa isaa hiddaan gadhaabuuf halkanii fi guyyaa hojjetu, impaayeerattii afaan, aadaa, amantaa fi eenyummaa tokkoon bulchuuf jecha rakkoo sirnichi lammiilee nagaatti dhaluun, lubbuun namoota nagaa guyyaa guyyaan akka baalaa harca’aa jira.
Akkuma kanaan ilmaan Oromoo jireenya isaanii foyyeeffachuuf jecha naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti baroota dheeraaf hojiilee adda addaatti bobba’anii jiraatan irratti yeroo ammaa ajjeechaa fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa adeemaa akka jiru ONM’tti himan
Bakkeewwan akka Mangee, Shirkoollee, Mala’uu’, Komoshaa fi kanneen hafan biroo keessatti shammarran Oromoo dirqiin uummata Gumuziin gudeedamaa, saanjaan qalamaa fi doorsifamni jabaan irratti taasifamaa jiraachuu hawaasni Oromoo naannichaa ibsan.
Hawaasni Oromoo miidhama jala jiru kunis yeroo deemee waajjirattis ta’ee qaamolee seeraatti himatu, isin deggertoota ‘WBOti’ ishoo kun isiniif mala jechuun deebii jibbisiisaa akka kennaniifis dabaluun himaniiru.
Torbanuma kana keessa qofa bakka gammoojjii Mala’uu jedhamu iddoo warqeen ba’u keessatti namoonni hedduun akka qalaman kan nuuf himan hawaasni Oromoo, shammarran danuunis halkan halkan bakka bultii isaaniitti ol itti seenuun dirqiisisanii gara jabummaan gareen akka gudeeddii raawwatan dabaluun ONM’tti himaniiru.



