ONM-ABO Waxabajjii 10, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti Bobbaa Irbuu Shinniggaan fudhatu jabeessee itti fufee jira.
Haaluma kanaan dheengadda Waxabajji 8, 2024 galgala toora sa’a afurii irraa eegalee jajjabeen WBO Zoonii Bahaa godina Lixa Harargee aanaa Ciroo magaalaa godinaa jala naannoo Ciroo Qal’aa jedhamtutti tarkaanfii laalessaa waraana maafiyaa PP irratti fudhateen battalatti loltoota 7 irraa ajjeesuun, 5 madeessee meeshaalee waraanaa garaagaraa irraa hiikkatee jira.
Guyyuma dheengaddaa Waxabajjii 8, 2024 WBO’n Zoonii Giddu Galeessaa Kaaba Shaggar aanaa Dagam bulchiinsa magaalaa Hambisoo keessatti milishaa magaalicha keessaa sabboontota rakkisaa ture irratti tarkaanfii fudhachuun yoo ajjeesu, lama harkaan qabee ba’eera.
Kaleessa Waxabajjii 9, 2024 aanaa Ada’aa Bargaa ganda Karkarreessaa jedhamtu keessatti tarkaanfii waraana PP irratti jajjabeen WBO fudhateen 2 ajjeesuun hidhannoo guutuu irraa hiikee jira.
Tarkaanfii WBO’n fudhatu jabaatee itti fufa!






