ONM-ABO Waxabajjii 10, 2024
Akka hayyootni dinagdee jedhanitti ibsi Itoophiyaan dinagdee guddaa qabaachuun Afrikaa keessaa 5’ffaa irratti argamti jechuun ba’e haala qabatamaa jireenya hawaasa impaayerattii waliin hin deemu jedhu.
Sababni isaas jedhu hayyootni dinagdee kun, yeroo itti hawaasni waan nyaatu dhabee qaala’iinsi dagaagee fi hirkattummaan baay’atetti Itoophiyaan dinagdee guddaa qabdi jedhanii sadarkaa kana kennuufiin lammiilee agabuu bulaa jiraniin dirqiin nyaattee bulteetta jechuudha jechuun qeequ.
Hojiin dinagdee kun haala qabatamaa rakkoo hawaasni keessa jiru hin agarsiisu jechuun adeemsa ittiin guddinni dhaabbilee maallaqaan hojjetamu kan qeeqan hayyootni dinagdee maqaan isaanii akka hin dhaa’amne barbaadan herregni akkasii dhugaa jiru hin mul’isu jedhan.
Hayyuun dinagdee Oromoo Pr. Mahaammad Jabal Abbaa Xaahiroo gaaffii Itoophiyaan dinagdee guddaa qabachuun 5’ffaa irra galte jedhamee dhiyaateef yoo deebisan ibsi kun guddina sirrii hin agarsiisu jechuun deebisan.
Itti dabaluunis guddinni miidiyaaleen bilxiginnaa wal harkaa fuudhanii afarsan kan hojjetamu wanta impaayerattii keessatti oomishame gatii gabaatiin shallaganii booda doolaara Ameerikaatti jijjiiruu jechuudha kan jedhan Pr. Mahaammad, wayita gatiin meeshaa fi tajaajilaa qaalayu nominal GDP’n ni guddata jedhan. Kun garuu oomishatu guddate jechuu miti jechuun oomishni impaayerattii gadaanaa ta’uu akkaataa hojii isaan wal bira qabanii ibsan.
Yeroo ammaa kana Itoophiyaa keessatti uummanni miliyoonni 20 gargaarsa yoo barbaadu, achi keessaa miliyoonni 10.8 daa’imman gargaarsa nyaataa barbaadanii fi 3.45 buqqattoota ta’uu gabaasa OCHA’n bara kana baatii Guraandhalaa keessa baase irraa hubachuun ni danda’ama.

