• Wed. Nov 25th, 2026

Baha Shaggar ona Dugdaa bulchiinsa magaalaa Maqii keessatti qonnaan bultoonni leenjii milishummaaf humnaan guuraman hiraarfamaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan

Jun 11, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 10, 2024

Yeroo itti uummanni Oromoo murna PP’n dhumaa jirutti sirni Oromoo wal nyaachisuuf hojjetu ijaarsa barcuma aangoo isaaf jecha hawaaasa qonnaan bulaa maatii isaa irraa qabuun maqaa impaayeerattii bararuu jedhuun du’atti oofuu jabeessee jira. 

Hooggantoonni humna dimookiraasii hin feene abbaa irrummaa ijaaruuf halkanii fi guyyaa hojjetan daandii tokkichi ittiin impaayeerri Itoophiyaa ijaaramuu danda’u qawweedha jechuun, akka Oromoon walii isaatti deebi’ee wal cabsuuf jecha abbaa fi ilma qabuun mooraa waraanaatti guuranii duguuggaa sanyii Oromoodhumaan Oromoo irratti raawwachiisaa jiru.

Bifuma kanaanis godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessatti yeroo ammaa kana jiraattonni gandoota baadiyyaa fi magaalaa irraa murna PP’n butaman manneen barnootaa keessatti leenjii gaachana sirnaa jedhuun hiraarfamaa kan jiran ogguu ta’u, sababa namoonni fedhii leenjii hin qabneefis dhukkubsatanii yaalamaa akka hin jirres maddeen ONM’tti himaniiru.

Namoonni sirnicha utubuuf fedha hin qabne hunduu diddaa nurratti agarsiisaa jirtu jechuunis waraanni sirnichaa reebicha jabaa irratti taasisaa akka jiranis itti dabaluun himaniiru.

Leave a Reply