• Tue. Nov 24th, 2026

Lixa Wallaggaa aanaa Najjoo keessatti hidhamtoonni siyaasaa danuun mana hidhaa keessatti rakkoo jabaan isaan irra ga’aa jiraachuun himame

Jun 11, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 10, 2024

Gareen faashistii PP diddaan siyaasaa maaliif narratti oofama jechuu irraan kan ka’e dhaabbileen hawaasummaa, dinagdee, aadaa fi siyaasaa Oromoo akka kufuuf Oromoo irratti rakkoolee ulfaataa dalaguu jabeessanii jiru.

Siyaasa wal xaxaa fi jabaataa dhufeen impaayeerri Itoophiyaa rafama guddaa keessa seenuun maqaa qaamolee siyaasaa Walabummaa Oromoof falman jaarmiyaa ABO-WBO waliin hidhata qabdu jedhuun jiraattota hirmaannaa siyaasaa kamirraa walaba ta’an hidhuun hiraarsuu irratti argamu.

Akka kanaanis hacuuccaa fi cunqursaan hidhamtoota Lixa Wallaggaa aanaa Najjoo irratti taasifamaa jiru jabaachuun namoonni dhibee sammuu dhukkubsatan illee mana hidhaa onichaa keessatti maqaa WBO’n yakkamanii dararamaa akka jiran ONM odeeffateera.

Fedhiin sirna bilxiginnaa kan hin guunne ajjeesee, hidhee, saamee fi manneen mancaasee ilmaan Oromootti boqochuu dadhabuun yeroo ammaa ammoo namoota saalaan osoo hin foo’in daa’immanii qabee hiraarsaa akka jirus dabaluun himaniiru.

Leave a Reply