• Sat. Mar 14th, 2026

Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti jiraattonni waraana faashistii PP’n ukkaamfamaa jiraachuun beekame

Jun 11, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 4, 2024

Uummanni Oromoo impaayeera Itoophiyaa haalli jireenyaa qaala’uun namnuu waan nyaatee bulu dhabee jiru keessatti jireenya waliin  wal’aansoo wal qabee jiraachaa yeroo jiru kanatti, loltoota dantaa murna tokkoo eegan qofaan adamfamee hiraarfamuu irratti argama.

Bifuma kanaanis uummanni godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo, Leeqaa Dullachaa, Waamaa Agaloo, Nuunnuu Qumbaa fi kanneen biroon waggoottan darban irraa kaasee waqtii gannaa gara godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Cittuu Qarkaa naannoo riqicha Dhidheessaa deemuun hojiilee qonnaa akka hojjetan jiraattonni dubbatu.

Ganda Cittuu Qarkaa keessatti hojiileen misooma qonnaa abbootii qabeenyaan kan hojjeechiifamu yoo ta’u, jiraattonni gara sana deemanii maallaqa achirraa hojjetataniin jireenya dhuunfaa fi maatii isaanii akka geggeessanis jiraattonni itti dabaluun himan.

Murni bilxiginnaa jiraachuu uummata Oromoo hin jaal’annee fi Oromummaa balleessuuf socho’u ammoo guyyaa dheengaddaa fi kaleessaa ona Daaboo Haannaa irraa sochii gochuun guyyaa jalqabaa namoota 10 yoo qaban kaleessa Waxabajji 3, 2024 ammoo konkolaataa ISUZU tokko fe’uun godina Buunnoo Beddelleetti akka geessan jiraattonni himan.

Namoonni butaman umrii15 irraa qabee abbootiin warraa keessatti akka argamanis beekameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading