• Wed. Nov 25th, 2026

Baha Oromiyaa keessaatti maqaa WBO balleessina jedhuun waraana naannoolee Affaarii fi Soomaalee irraa fiduun uummata saamaa fi dararaa jiru

Jun 12, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 11, 2024

Maqaa tumsa waloo fi nageenyaa mirkaneessuu jedhuun Waraana Bilisumma Oromoo balleessuuf bilxiginnaan duula garaagaraa qopheessee Oromiyaa keessa naannessuun birmadummaa Oromiyaa cabsaa saamicha, ajjeechaa, gudeeddaa, gubaatii manneenii fi gochoota suukkannessaa raawwachaa fi nagaa hawaasaa booressaa turan har’as itti jiru.

Akkuma kanaan murni abbaa irree kun humna Waraana Bilisummaa Oromoo sodaatee kallattii Baha Oromiyaatiin humna naannoo ollaa jechuun waraana naannoo Affaarii fi naannoo Somaalee fidee milishaa fi humna riphee lolaa jedhamu waliin wal keessa makee duulchisaa jiraachuun baramee jira.

Haala kanaan magaalaa godina Ciroo fi aanaa Mi’eessootti humna kana buusuun walitti makanii bobbaasuun uummata  baadiyyaa fi magaalaa saamsisaa akkasumas gudeeddaa gaggeesaa akka jiran jiraattotni himu.

Kallattii aanaa  Gumbii Bordoddeenis humna Affaar, humna addaa fi riphee lolaa wal keessa makanii uummata Oromoo irratti bobbaasanii jiru.

Duulli kunis maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessina jedhuun saamicha, gudeeddaa fi lubbuu balleessuu uummata irratti PP’n bane ta’uun barameera. 

Haalli sakatta’a kana itti geggeessanis waraana naannoo lamaanii kana qabatanii diinagdee uummata Oromoo maqaa garaa garaatiin saamaniin horii guddaa kaffalaniifii miidhaa guddaa uummata irraan gahuuf kaabinoonni godina Harargee lamaanii baadiyyaa fi magaalaatti miidhaa hamaaf kan qopheessaniidha jedhu jiraattonni.

Wal amantaan sababa isaan gidduutti haphateef kaabinoonni godina lamaanii milishaa, riphee lolaa fi humna addaa irraa shakkii waan qabaniif humna naannolee ollaatiin Oromoo balleessuu filatan jedha odeessi keessoo kaabinee PP irraa nu dhaqqabe.

Leave a Reply