• Tue. Nov 24th, 2026

Bulchiinsa magaalaa Shaashamannee keessatti maanguddoon tokko waraana murna bilxiginnaan ukkamfamuun himame

Jun 13, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 11, 2024 Bilxiginnaan ijaarsa sirni diimokiraatawaa haaraa, heera caasaa mootummaa diimokraatawaa utubuu fi diriirsuu qabaachuun gaaffii hawaasaa deebisuu osoo qabuu, akeeka isaa qofa galmaan ga’uuf jecha namoota hirmaannaa siyaasaa kamirraa walaba ta’an qabee manneen hidhaa impaayeerattii adda addaa keessatti hiraarsaa jira.

Seenaa impaayera Itoophiyaa  keessatti, heerri barreeffamaan malee qabatamaan lafarra kan hin jirre ifa galaa ta’ee kan jiru yoo ta’u, abbootiin aangoon siyaasaa isaan harka jiru ilmoo namaa akka fedhanitti hacuucuun hidhuu, saamuu fi ajjeesuun baratamaa ta’eetu jira. 

Akka kanaanis Roobii darbe Waxabajji 5, 2024 godina Arsii Lixaa bulchiinsa magaalaa Shaashamannee kutaa magaalaa Allachee aanaa Malkaa Baddeessaa irraa maanguddoon abbaa ilmaan 10 ta’an kan maqaan isaanii Daddafii Tiffee jedhaman waraana goolessaa PP’n qabamuun hidhamuun barameera. 

Obbo Daddafiin halkan keessaa toora sa’a 9:00’tti qe’ee isaanii irraa waraana faashistii PP’n erga qabamanii boodas mana hidhaa waajjira poolisii iddoo addaa 81 jedhamutti hidhamanii akka jiranis dabaluun himaniiru.

Sababni hidhamuu maanguddoo kanaas ilmi kee qabsoo jaarmiyaa ABO-WBO keessatti hirmaatee yakka nurratti raawwachaa jira jechuun akka ta’es beekameera.

Leave a Reply