• Thu. Nov 19th, 2026

Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessatti bilxiginnaan uummata Oromoo gosaan qoodaa jirachuun dhagaa’ame 

Jun 13, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 12, 2024

Sirni faashistii Abiy Ahimed uummata Oromoo gosa, lagaa fi amantiin qoodee addaan baasuuf hojiilee qaneessoo fi tokkummaa hawaasaa diigan aangoo isaa tursiisuuf hojjechuu itti fufee jira.

Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii  fi gandoota magaalattii jala jiran keessatti uummata Oromoo tokkummaa fi gamtaan gaddaa fi gammachuu wajjin qooddatanii jiraatan Arsii fi Goonaa Jiillee jechuun walitti buusuuf yaalii gochaa jiru.

Waraanni Bilisummaa Oromoo aanicha keessa socho’u ijoollee Goonaa Jiillee waan ta’aniif Oromoon Arsii aanicha keessa jiraatu waraana bilxiginnaa waliin ta’uun WBO balleessuu qaba jechuun uummata walitti buusuuf dhama’aa akka turan jiraattonni himan.

Haa ta’u malee uummanni shira bilxiginnaa kanaan duraa ka’ee waan beekuuf, tokkummaa Oromoo ajandaa diinaan akka hin sharafne walitti himuun, gochi bilxiginnaan raawwachaa jiru farra tokkummaa Oromooti jedhan.

Dheengadda Waxabajjii 10, 2024 waraanni faashistii PP akeeka badii tokkummaa Oromoo diigu gosoota Oromoo lamaan walitti buusuuf isa tokko qabatee kan biroo irratti duulchisuuf manaa mana irra deemuun dirqamsiisaniis gosti Oromoo Arsii shira bilxiginnaatti hirmaachuu dhiisuun harkatti fashaleesseera.

Uummanni waamicha afaan qawween ba’es odeessa badii bilxiginnaa kana waliif qooduun gama Waraana Bilisummaa Oromoo irratti akka balaan hin qaqqabneef hojjechuun, Waraana Bilisummaa Oromoo oolfachuun uummata Oromoo badiisa irraa oolchuu waan ta’eef wal qoonnee mitii,  sichi daran tokkomnee WBO bira ni dhaabbanna jechuun jiraattotni aanaa Dugdaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Leave a Reply