ONM-ABO Waxabajjii 12, 2024
Sirni fonqolcha mootummaa Miyanmaar lakkoofsa loltoota isaa hir’achaa dhufe deebisuuf tattaaffii taasisaa jiru cimsuuf hojjettoonni waraanaa soorama bahan irratti dhiibbaan geggeeffamu dabalaa dhufeera jedhu maddeen humnoota hidhateetti dhihoo ta’an.
Jalqaba baatii Waxabajjii irraa eegalee qondaalotni waraanaa duraanii 100 ol ta’an mana keessummoota waraanaa Ywar Taw Naypyitaw keessatti argamutti argamuun qorannoo qaamaa gochuu fi ajaja fudhachuu isaanii namni naannoo mana keessummoota kanaa jiraatu tokko Myanmar Now’tti himeera.
“Kanneen buufata loojistikii keessaa hojjetan dirqamni loojistikii kan kennamu yoo ta’u, leenjistoonni duraanii fi kanneen biroo ogummaa teeknikaa qaban ammoo bakka hojii isaaniitti ramadamaniiru,” jedha maddi maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate.
Akka qorannoo Myanmar Now’tti jalqaba torban darbee irraa eegalee yoo xiqqaate konkolaattonni waraanaa 50 qondaaltota duraaniitiin guutaman mana keessummootaa kana ga’aniiru. Kaapteenotaa fi koloneelota dabalatee qondaaltonni sadarkaa olaanaa qaban tokko tokkos konkolaataa mataa isaaniitiin yeroo dhufan mul’ataniiru.
Oduma Miyanmaariin wal qabatuun Chaayinaan waldhabdee kutaa Raakhine keessatti deemaa jiru keessatti dhukaasa dhaabuu gidduu seenuuf yaaliin goote hanga ammaatti sababa waraanni Miyanmaar namoota nagaa irratti xiyyeeffachuu isaatiin fashalaa’uu isaa Waraanni Arakan (AA)n himateera.
Dubbi himaan garee kanaa Khaing Thukha Sambata darbe ibsa gaazexeessitootaaf toora interneetii irratti kennaniin akka jedhanitti sirnichi yaaddoo AA’n namoota nagaa irratti qabu dhaggeeffachuu diduun isaa lola kana xumuruuf gufuu guddaa ta’uu ibsaniiru.
“Jeneraalonni Juuntaa walgahii darbe irratti namoota nagaa irratti akka hin xiyyeeffanne itti himne, gaaffiin kun hanga har’aatti, naannoo Rakhine qofa keessatti osoo hin taane, naannoowwan nuti qabsaa’aa jirru biroo keessattis raawwatamaa jira. Kanaaf dhukaasa dhaabuu seenuun baayyee baayyee rakkisaadha,” jedhan.
Chaayinaan Caamsaa 15 walga’ii gama lamaan gidduutti qopheessitus dhimma nageenya namoota nagaa mirkaneessuu irratti kufe jechuun hogganaan AA, Twan Mrat Naing VOA tajaajila afaan Miyanmaarityi himeera jechuun Myanmar Now’n gabaasera.



