ONM-ABO Waxabajjii 12, 2024
Maafiyootni maqaa impaayeera Itoophiyaa tiksuun bobbaafaman yeroodhaa gara yerootti meeshaalee gurguddaa fayyadamanii uummata nagaa ajjeesuu fi manneen irraa guggubuu dabalatee gocha badii qorqalbii fi dinagdee hawaasaa miidhu irra deddeebiin raawwachuun uummata rakkoo argee hin beekne rakkoo hamaaf saaxiluun egeree saba kanaaf yaaddoo ta’aa jiraachuun mul’ataa jira.
Guyyaa kaleessaa jechuun Waxabajjii 11, 2024 Godina Boorana Bahaa aanaa Gooroo Doolaa ganda Adaadii fi ganda Balaambaliitti waraanni weerartuu PP manneenii fi qabeenya Uummata nagaa ibiddaan barbadeessuu fi kaan immoo akka saamaa turan dubbatamaa jira.
Guyyuma kaleessaa Waxabajjii 11, 2024 ganama keessaa naannoo sa’atii 2:00 irratti nama maqaan isaa Malkaamuu Galgaloo jedhamu jiraataa ganda Adaadii kan ta’e Obboleessa keetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira jechuudhaan manni lama jalaa gubameera.
Dabalataanis guyyuma wal fakkaataa kana aanaa Gooroo Doolaa ganda Balaambal keessatti mana maatii tokkoo maqaan isaanii:-
Aadan Xebboo Hoxxee jedhamuu fi ilmaan isaa,Taajuraa Aadan Xebboo akkasumas, Falmataa Aadan Xebboo jedhaman manneen isaanii hunda gubuudhaan beeyladoota manaa; Gaala, Loonii fi Re’ee isaanii hunda saamanii maatii isaanii waliin fuudhuun mooraa waraanaa magaalaa Jiddoolaatti geeffatanii jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


