• Sat. Mar 14th, 2026

Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa keessatti hidhaa jabeessanii jiraaniin dararaan kan duraa irra cimee jiraachuu jiraattonni himan

Jun 13, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 12, 2024

Sirni bulguun impaayera Itoophiyaa koloneel Abiy Ahimediin durfamu waraana isaa uummata nagaatti  bobbaasuun uummata nagaa maqaa garaa garaa itti maxxansuun dararaa hamtuu agarsiisaa jiraachuu jiraattonni murna kanaan miidhaan  irra ga’aa jiru ni addeessu.

Golee Oromiyaa bakkeewwan addaa addaa keessatti waraana bilxiginnaan hidhamaa, saamamaa, qe’ee isaa irraa godaansifamaa fi ajjeefamaa kan jiru sabni Oromoo ammas kan yeroo kamuu caalaatti ergamtoota sirnichaan dararaa hamtuu dhala namaaf hin malle keessummeessaa jiraachuu maddeen dabaluun ibsu.

Haaluma kanaan waraanni abbaa irree  bilxiginnaa Waxabajji 11, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Buukee Akkachee keessatti, maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertaa fi ni bilbilteef jedhuun nama tokko kan maqaan isaa Lalisaa Biyyanaa Garbaa jedhamu reebicha hamaa irratti geggeessuun mana hidhaatti galchanii dararaa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading