ONM-ABO Waxabajjii 14, 2024
Ilmaan Oromoo akka baalaatti harcaasee fixuun kichuu meeqa karaatti kutee hambisaa kan jiru waraanni maafiyaa PP godina Lixa Wallaggaa ona Haaruutti jiraattota ajjeesuu fi madeessuu itti fufee jira.
Haaluma kanaan, ganda Buuddii jedhamutti nama maqaan isaa Obbo Darajjee Kitilaa jedhamu Waxabajjii 10, 2024 badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf waraanni maafi’aa Abiy Ahimed rasaasa itti roobsuun ajjeesuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan dubbatu.
“Obbo Darajjeen ijoollee afur qaba, siyaasa kam keessa illee hin jiru. Haa ta’u malee waraanni murna gabroomfataa PP sababa tokko malee mana isaa irratti dhukaasuun rasaasni dhuka’e sun intala isaa Lalisee jedhamtu argate. Isheenis, rasaasa sanaan madooftee yeroo ammaa kana hospitaala Adiventistii Gimbiitti yaalamaa jirti jedha maddi Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ona Haaruu.
Akka ona Haaruutti rakkoo hamaatu hawaasa irratti raawwatamaa jira” jechuun dabaluun ibseera.


