ONM-ABO Waxabajjii 14, 2024
“Nyaadhee fixuu dadhabu haadhee balleessuu hin dadhabu” akkuma Lukkuun jette, bilxiginnaanis uummata Oromoo qabeenya isaa waliin balleessuu kaayyeffatee gariin saamuun konkoolaataan fe’ee yoo deemu kan dadhabe immoo akka uummatichi itti hin jiraanneef ibiddaan gubuu, waan caccabu caccabsuun balleessuu fi meeshaa gurguddaa akkasumas summii fayyadamee loonii fi waan argate cufa mancaasuun uummata hiyyummaan rukutee godaantota biyya ambaa gochuuf cimsee hojjechaa jira.
Yeroo darbe akkuma gabaasaa turre, giddu-galeessa Oromiyaa godinaalee akka Lixa Shaggar fi Kaaba Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Doggomaa Kibbii jedhamuu fi kaaba Shaggar aanaa warra Jaarsoo ganda Faajjii Ejersaa jedhamu keessatti loowwaan 1068 akkasumas yeroo gargaraatti dabalataan loowwan 350 saamanii turuun kan yaadatamuudha.
Ammas gochi Bilxiginnaa kun ittuu hammaachaa deemuun loowwan harca’anii hafan itti fufee saamuuf carraaqaa kan jiru godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Doggomaa Kibbii jedhamu keessatti Waxabajjii 7, 2024 ammas irra deebiin saamicha loonii gaggeessaa jira.
Namoonni loon isaanii shiftoota koloneel Abiy Ahimed bobbaaseen jalaa saamame maqaan isaanii kan nu ga”e:- Habtaamee Lataa jalaa loon 14, Sammaa Lataa jalaa loon 13, Daanyee Gaddafaa jalaa loon 2, Gaddafaa Amanuu jalaa loon 20, Muluu Mootummaa jalaa loon 6, Kidaanee Goshuu jalaa loon 8, Waxxaachoo Goshuu jalaa loon 8, Birrooshee Deessiisaa jalaa loon 16, Daanyee Fufii jalaa loon 30, Caannee Fufii jalaa loon 2, Baayisaa Fufii jalaa loon 6,Turaa Fufii jalaa loon 9, Zawuduu Amanuu jalaa loon 8, Asaffaa Shaggawuu jalaa loon 1, Shifarraawu Kabbadee jalaa loon 1, Gimjaa Mul’ataa jalaa loon 15, Tinnishoo Muluu jalaa loon 4, Girmaa jalaa loon 9, Taarikuu Lammii jalaa loon 3, Goshuu Zallaqaa jalaa loon 3, Amalee Goshuu jalaa loon 3, Shuumii Margaa jalaa loon 2, Geetaachoo Amantee jalaa loon 50, Dajjaa Abbaltii jalaa loon 45, Obsaa Baayisaa jalaa loon 27, Gaddafaa Nagaroo jalaa loon 18, Alamii Bantii jalaa loon 15, Abbaabbishuu Qaqqabaa jalaa loon 24 fi Xabbasaa Anumaa jalaa loon 30 saamuu jiraattonni himan.
Oduuma walfakkaatuun godina Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Faajjii Ejersaa keessatti Waxabajjii 2, 2024 saamicha garaagaraa akka loonii, re’oota fi midhaanii akkasumas gocha qabeenya caccabsuu fi manneen gubuu raawwachuun isaanii barameera.
Maqaaleen namoota saamichi irratti gaggeeffamee kunis:-Taaddasee Baayisaa jalaa loon 10, Tolasaa Baayisa jalaa loon 7, Yohaannis Tolasaa jalaa loon 13, Addunyaa Daadhii jalaa loon 45, Gammachuu Baayisaa jalaa loon 25, Aabbee Anumaa jalaa loon 3, Tasaggaa Ilmoolee jalaa loon 3, Damee Dabalee jalaa loon 4, Baarakaa Kiisoo jalaa loon 9,Dammuu Turaa 1,Bultoo Gammadaa 6, Tollii Boonaa jalaa loon 1 fi Shaashoo Guddataa jalaa loon 2, Dammaa Amaaraa jalaa loon 8, Taaddalaa Amaaraa jalaa loon 3, Zallaqaa Taaddalaa jalaa loon 2, Waldee Amaaraa jalaa loon 2, Gammachuu Lammaa jalaa loon 2, Obbolee Raggaasaa jalaa re’oota 10 fi Harree 1, midhaan gombisaa1, Milishaa Tafarii jalaa re’oota 11, Yohaannis Tolasaa jalaa re’oota 7, Taaddasee Baayisaa jalaa re’oota 3, Dirribaa Tolasaa jalaa re’oota 3, Tolasaa Baayisaa jalaa re’oota 3, Sinqii Zallaqaa jalaa re’oota 4, Darajjee Tolumaa jalaa re’oota 1, Bultoo Tafarii jalaa re’oota 7, Tolasaa Bojaa jalaa re’oota 2, Yoonas Tashoomaa jalaa re’oota 3, Gonfaa Girmaa jalaa re’oota 3 akkasumas baabura 1 jalaa gubanii barbadeessaniiru.
Dabalataanis gubaatii manneenii fi saamicha midhaaniin walqabatee namoota maqaan isaanii:-
Obbolee Raggaasaa jalaa mana 2 guban, Jorroo Cammaraa jalaa midhaan ardaba 20 jalaa saaman, Wandimmuu Shifarraawu jalaa midhaan ardaba 10, barbaree ardaba 4 fi mi’a mana keessaa hunda caccabsitee kaan fudhattee deemte, Matoo Jorroo jalaa Qulluubbii ardaba 1, Isuu Asmaaree jalaa baabura midhaan daaku 1 guubde, Tolasaa Baayisaa jalaa baabura midhaanii 1 diiggattanii midhaan gombisaa 1 jalaa fudhatan, Gaddafaa Jaanoo jalaa mana 2 gubdee, midhaan ardaba 5 fudhatte, Jaanoo Kabbadaa jalaa mana 2 guubdee, midhaan ardaba 10 fudhatte, Abbabuu Girmaa jalaa mana 1 gubde, Qarsaa Lammii jalaa midhaan ardaba 4 fudhatte, Morodaa Zallaqaa jalaa mana 1 guubde, Raggaasaa Tafarii jalaa mana 1 gubde, Warqinaa Zallaqee maatii abbaa warra 6 uffata guyyaa uffatanii fi uffatanii rafan hunda gubanii barbadeessuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.




