ONM-ABO Waxabajjii 13, 2024
Haangaariin gargaarsa waraanaa NATO Yukireeniif godhu akka hin uggurre walii galte, garuu ishee hin gargaarru jedhan hoogganaan gamtaa waraanaa.
Muummicha ministeeraa Haangaarii Viktor Orban waliin erga wal arganii booda, barreessaan olaanaa NATO Jens Stoltenberg Roobii darbe Budapest keessatti gaazexeessitootatti akka himanitti, ejjennoo biyyi Awurooppaa Giddugaleessaa kun tattaaffii NATO’n Yukireeniif taasisu keessatti akka hin hirmaanne “fudhanna” jedhan.
Hoogganaa Gamtaa Awurooppaa kamiyyuu caalaa pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiinitti kan dhihaatu ta’ee kan ilaalamu Orbaan, tattaaffii gareen kun Kiiviif meeshaa waraanaa fi faayinaansii dhiyeessuuf taasisaa jiru itti fufiinsaan gufachiiseera.
”Hojjetoonni Haangaarii kamiyyuu sochiiwwan kanneen irratti hin hirmaatan, maallaqni Haangaarii kamiyyuu isaan deeggaruuf hin oolu,” jedhan Stoltenberg.
“Yeroo walfakkaatutti, muummichi ministeeraa Haangaariin tattaaffii kana akka hin mormine, michoonni biroo akka fuulduratti tarkaanfatan dandeessisu naaf mirkaneessaniiru, Haangaariin waadaa NATO keessa galte guutummaatti akka itti fuftu mirkaneessaniiru,” jechuun dabalaniiru.
Hogganaan NATO kun innii fi Orbaan “Hangaariin deeggarsa NATO Yukireen irratti akka hin hirmaanne haala waliigalaniiru” jedhan garuu bal’inaan hin ibsine.
Gamtaan waraanaa kun erga Guraandhala 2022 weerara Raashiyaan raawwattee asitti waggaatti gara Yuuroo biiliyoona 40 (Doolaara biiliyoona 43) kan kennuudha.
”Hanga barbaachisaa ta’etti sadarkaa deeggarsa kana eeguu qabna,” jedhan Stoltenberg. “Deeggarsi amanamaa, yeroo dheeraa qabu Pirezidaanti Puutiin nu eeguu akka hin dandeenye ergaa ifa ta’e dabarsaaf” jechuun Aljeeziraan gabaaseera.




