ONM-ABO Waxabajjii 13, 2024
Bilxiginnaan mootummaa waaltawaa ijaaree biyya nagaa, tasgabba’aa fi jaalala uummataa qabu ijaaruu dhiisee, fedhii aangoo fi dheebuu abbaa irrummaa abboota isaanii deebisuuf hojiilee isaan guyyuu hojjetaniin wal dhabdeen isaan gidduutti akka uumamuuf shoora olaanaa taphachaa jira.
Qaama hojii raawwachiftuu, Seera-tumtuu fi Seera-ilaali (hiiktuun) harka nama tokko harkatti kufee caasaan sirna dimookiraasii jabeessuuf ijaarames hojii irra oolmaan isaa dhibuu irraan kan ka’es diigumsi guddaan mooraa PP keessatti dhalatee jira.
Bifuma kanaanis dhibdee sirna bilxiginnaa Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamiseetti humnoota Federaalaa fi kan godinichaa gidduutti uumamee jiruun rakkoo jajjaboo dhalateen irra deddeebiin waltajjii taa’aa akka jiranis maddeen keessoo PP ifoomsaniiru.
Akka odeessi keessoo PP’tii ba’e ifoomsutti rakkoo bulchiinsaa qabdu maqaa jedhuun hooggansi Federaalaa maaliif uummata Oromoo irratti duula fixiinsa sanyii raawwachuu dhiistan jedhe namoota hedduus hojii idilee irraa ari’uuf haal-duree xumuranii akka jiranis itti dabaluun himaniiru.
Bilxiginnaan hanga sirna dimookiraasii jabeessuun bulchiinsi abbaa irree akka hin jiraanne godhee aangoo harka uummatatti deebisuun mootummaan uummatni hireen isaan hundeeffatu mijeessutti yoomiyyuu nagaan impaayeerattiif akka hin buune hayyootni irra deddeebiin dubbachaa turuun ni yaadatama.


