• Thu. Mar 19th, 2026

Jarmaniin karoora moodeela waraana haaraa qopheessaa jirti

Jun 14, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 13, 2024

Jarmaniin Raashiyaa waliin waldhabdee uumameen ittisa ishee tuffatame guddisuuf gara moodeela tajaajila waraanaa tokko tokkotti deebi’uuf yaalaa jirti.

Ministeerri Ittisaa Booris Pistooriyoos Jarmaniin tajaajila waraana erga dhaabdee waggaa 13 booda Roobii kaleessaa bifa tajaajila waraanaa bifa idileetiin yaada dhiyeessan.

Moodeela haaraa adda durummaan hirmaannaa tola ooltummaa irratti hirkate, garuu yoo barbaachisaa ta’e qaamolee dirqama of keessaa qabu barbaanna, jechuun barreeffamni waa’ee yaadota kanaa dubbifame.

Wanta hundarra gaarii fi kaka’umsa guddaa qabu barbaanna,” jedhan Piistooriyoos yeroo sanada imaammataa jijjiirama kana ilaalchisee qopheessu.

 “Moodeelli haaraan kun tajaajila waraanaa bu’uuraa ji’a jahaa kan of keessatti hammate yoo ta’u, tajaajila waraanaa tola ooltummaa dabalataa hanga ji’oota 17 dabalataaf filannoo kan qabudha,” jedha sanadni kun.

 Akka madaallii amma jiruutti, gumaachi Jarmaniin ittisa NATO’f gootu yeroo dheeraa keessatti loltoota gara 460,000 barbaachisa. 

Kanneen keessaa gara 200,000 ta’an sochii gochuuf kan karoorfame yoo ta’u, kanneen hafan ammoo kuufama ta’uu ibsameera.

Piistooriyoos torban darbe erga Raashiyaan Yukireen guutummaatti weeraruu isheetiin nageenya Awurooppaa gara fuula duraa irratti yaaddoo uume booda tajaajilli waraanaa bifa tokko tokko barbaachisaa ta’a jedhanii amantaa qaban irra deebi’anii dubbataniiru.

Jarmaniin humna waraanaa ishee Bundeswehir cimsuu qabdi jedhanii, dhuma waggoota kurnan kanaa dura qophii hojiif akka ta’u himaniiru jechuun Dochii Waleen gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading