ONM-ABO Waxabajjii 13, 2024
Namoota nagaa ajjeesuun boodarra ammoo maatii nama ajjeefamees adamsuun hidhaa hanga ajjeechaa irratti raawwachuu aadaa kan godhatan loltootni fi kaabinootni teessoo Abiy Ahimed utubuuf bobbaafaman, hawaasa nagaa qe’eetti dararaa oolu.
Torban sadiin dura dargaggoo maqaan isaa Hundeessaa Gizaa jedhamu loltoonni sirna bilxiginnaa utubaa jiran aanaa Daawoo ganda Qarsaa Boombii jedhamu keessaa sababa tokko malee waanuma hawaasa isaa keessatti jaalatamaa ta’eef qofa ajjeesuu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatamaa.
Dargaggoo kanas erga ajjeesanii booda qe’ee maatii isaatti deddeeb’uun gochoota jibbisiisoo raawwachaa akka jiran jiraattotni naannoo sanaa ONM’f himan.
Haadha manaa obboleettii dargaggoo ajjeefamee kana kan maqaan ishee Korree Kabadaa jedhamtu haadha maatii afurii (4) Waxabajjii 6, 2024 mana ishee dhaquun isa waliin walitti dhufeenya qabda, nyaachisaa turte jechuun qabanii hanga har’aatti mana hidhaatti darbatanii jiru.
Kana malees dargaggoota hedduu gandicha keessaa isa waliin walitti dhufeenya qabdu jechuun adamsanii qabanii hidhuu irratti bobba’anii akka jiranii fi dargaggoonni hedduunis qe’ee isaanii gad dhiisanii akka baqachaa jiranis jiraattotni dabaluun ibsaniiru.



