• Tue. Nov 24th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Dirree Hincinnii keessatti WBO tajaajiltu jedhanii mana daldalaa cufuun namoota lamas hidhan

Jun 14, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 13, 2024

Sirni bulguun dhiiga lammiisaa dhugaa jiru bilxiginnaan, saalfii tokko malee jecha bara aangootti dhufe qorannu malee hin hiinu jechuun jecha goyyomsaan dubbate sana haquun har’a Oromiyaa keessatti badii malee hidhamuun erga hidhamaniiyyuu qoratamuu dhabuun callisanii badii malee hiraarfamuu irra darbee bakki oolmaa namoota hedduu mana hidhaa ta’ee jira.

Haaluma kanaan waraanni faashistii PP Lixa Shaggar aanaa Dirree Hincinnii ganda Qorroo Qarsaatti bobba’uun Waxabajji 4, 2024 waraanni sirnichaa namoota maqaan isaanii Aadde Shaayii Saamu’el haadha ijoollee 6 kan taatee fi Aadde Dastaa Rafeeraa haadha ijoollee 8 bakka hojii isaanii mana daldalaatii qabanii deemuun hanga har’a odeessi kun nu qaqqabetti Waajjira Poolisii aanaa Dirree Hincinniitti hidhanii hiraarsaa akka jiran barameera.

Harmooliin maqaan isaanii armaan olitti dha’aman kun  balleessaa qabaatanii osoo hin taane hojjetachuu ilmaan Oromoo kan hin jaallanne bilxiginnaan, karaa ittiin uummata kana miidhuu danda’an keessaa inni kun isa tokko ta’uun akka furmaataatti qabatanii waan socho’aniif malee haadholiin Oromoo haadha daai’mman hedduu kun daldala dhugaatii dalaguun ofii fi maatii isaanii jireessuu malee tutuqaa siyaasa kamii keessaallee harka akka hin qabne namoonni magaalaa  sanaa namoota kana beekan ragaa ba’u.

Leave a Reply