• Mon. Nov 23rd, 2026

Dhibeen Busaa fi Koleeraa hammaachuun  hawaasni miidhamaa wayita jirutti, Abiy Ahimed  ammoo dhibeen Koleeraa badeera jechuun dhaabbata fayyaa Addunyaa sobuutti uummatni mufate

Jun 13, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 13, 2024

Farreen uummata Oromoo akaakayyuun Minilik imaammata abbootiin isaanii baasan kan jabeessan bilxiginnaan, dhukkubaan baay’ina ilmaan Oromoo hir’isuuf ajjeechaatti fayyadamuu, beelaan miidhuu fi buqqaasuun uummaticha jilbeenfachiisuun bituuf akka tooftaatti qabatanii kan deeman, uummata dhibee Busaa fi Koleeraan qabamee du’a himachaa jirutti dhibeen kun hin jiru jechuun itti qoosaa jiru.

Akka ogeessi fayyaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise jedhetti, akka guutuu Oromiyaatti namoota torban tokko keessatti mana yaalaa deeman keessaa namni 40,000 dhibee busaan qabamaniiru jedhe.

Yeroo ammaa kana maal irra jira jechuun gaaffii dhiyaateef yeroo deebisuuf, kun kan torban tokkotti gabaafamuudha, baatii Ebla hanga Waxabajjii amma keessa jirruutti fooyya’insa hin qabu jechuun ogeessi fayyaa kun dubbata.

Dhukkubni Koleeraa ammoo godinoota Oromiyaa keessaa kanneen akka godina Baalee aanota akka Sawweennaa, Gindhir gara Daangaa Soomalee faana wal daangessan keessatti  mul’atee kan jiru yoo ta’u, dhibee kanaanis uummanni yoo xiqqaate ganda tokko keessaa hanga namni 10 torbee darbe keessa du’eera jedha.

Garuu mootummaadha kan ofiin jedhu bilxiginnaan  ija addunyaatti ba’ee hawaasaaf fala barbaaduurra, koleeraan badeera jedhee Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf gabaasuun, lammii isaa miidhuurratti xuyyeeffate jiraachuun isaa kan nama gaddisiisuudha jechuun miira gaddaan guutameen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

Leave a Reply