• Fri. Mar 13th, 2026

Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa keessatti qabeenyi qonnaan bulaa tokkoo waggaatti yeroo lama waraana faashistii PP’n saamamuun himame

Jun 14, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 13, 2024

Waraanni gabroomfataan PP balleessuu malee aadaa ijaarsaa fi guddina hawaasaa kan hin feene, namoota rakkatanii qabeenya ittiin jiraatan horatan saamuun dararaa akka argan taasisaa jiru.

Akka kanaanis Obbo Qajeelaa Badhaasaa Dinagdee jiraataan godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Boojjii-Gaara Arbaa magaalaa Ashunfaa maqaa sobaa waraana bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jedhuun waggaa keessatti yeroo lama qabeenya guddaa jalaa saamuu dubbatu.

Obbo Qajeelaan akka jedhanitti “yeroodhaa yerootti gara qe’ee kiyyaa dhufuun na ajjeesuuf yaalii geggeessanis, isaaniif milkaa’uu didnaan waggaa darbe Amajji 30, 2023 maallaqa guddaa kuma dhiibbaa ol na saamanii  deeman” jedhan. Bara kanas anaan manaa dhabnaan haadha warraa kiyya doorsisuun maallaqa saamanii deeman jechuun himatu.

Waxabajji 1, 2024 walakeessa halkanii osoo maatiin isaanii rafanii waraanni gabroomfataan PP itti ol seenuun daakuu qamadii fi zayita qarshii 7400 kan baasu, dhugaatii biiraa qarshii 11,560, maallaqa callaa 22100 fi kophee qarshii 3500 waliigala tilmaamaan qabeenya qarshii 43,560 jalaa saamuun akka deeman ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading