• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Lixa Harargee Lixaa ona Doobbaatti murni bilxiginnaa garmalee uummata saamaa fi hidhaa jiraachuun ibsame

Jun 15, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 14, 2024

Magaalaa Doobbaa guutummaa ishee keessatti manneen uummataa sakatta’aa kan jiran tiksitoonni impaayera Itoophiyaa, gibira humnaa olii  kaffalaa” jechuun abbootii qabeenyaa magaalichaatti kafaltii humnaa olii itti fe’uun dararaa jiraachuun ibsame.

Gibiraan alatti bilxiginnaan ji’a sadi sadiin qarshii guddaa irraa guuraa kan jiran ta’uu kan himu jiraataan magaalichaa tokko, uummanni garmalee dararaa hamaa argaa jiraachuu fi murnoonni bilxiginnaa yeroodhuma fedhanitti maqaa wantoota adda addaa itti waamuun garmalee uummata saamaa fi hidhaa kan jiru ta’uu dubbata.

Onichatti, waraanni maafiyaa PP uummata garmalee saamee jiraachuu kan bare yommuu ta’u, gaafa Waxabajjii 12, 2024 nama maqaan isaa Biiniyaam jedhamu jalaa mana meeshaalee elektirooniksii isaa cabsuun guutummaatti erga saamanii booda, nama maqaan isaa Mahaammad Sheekaa jedhamu immoo qarshii kuma dhibba tokko (100,000) akka kaffaluuf yommuu gaafatan, kaffaltii hanga isaan gaafatan sana akka hin qabne hoggaa itti himu reebicha hamaa irraan gahuun waajjira poolisii onichaatti hidhanii dararaa jiru.

Caasaa fi waraanni faashistii PP magaalicha keessaa mana namootaa irra deemanii cufaa kan jiran ta’uu jiraattonni dubbisne ONM’f eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading