ONM-ABO Waxabajjii 15, 2024
Murni bilxiginnaa deggersa biyyoota alaa da’oo godhatee meeshaalee ammayyaa’oo hidhachuun, mirga namoomaa, amantii fi haamilee ummatichaa kanneen cabsan raawwachuun namoota ija uummata Oromoo ta’an ajjeesuu fi dhabamsiisuun agartuu sabichaa jaamsaa jira.
Irra deddeebiinis dhaabbatootni idil-addunyaa dhiibbaa, qoqqobbii dipilomaasii, siyaasaa, dinagdee fi kanneen hafan biroo sirnicha irra ka’aanis, murni gara laafummaa hin qabne ajjeechaa geggeessu daranuu jabeessee hawaasa Oromoo fixuutti jira.
Akka kanaanis dheengadda Waxabajji 13, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu ganda Walii-Taatee jedhamu keessatti halkan toora sa’a 5:00’tti waraanni aanaa Lataa Sibuu irraa gara mana maanguddoo maqaan isaanii abbaa Gadaa Namarraa Hambisaa jedhamanitti sochii taasisaniin maanguddoo kana mana keessaa gadi baasuun gara laafina tokko malee rasaasaan ajjeesanii gatanii deemuun himameera.
Obbo Namarraan maanguddoo abbaa ilmaan 7 yoo ta’an naannoo isaaanii keessatti jaarsa biyyaa hojii abbaa Gadaan kan hawaasa wal dhaban guyyuu walitti araarsaniidha malee qaama siyaasaa kamuu kan hin deggerre ta’uu itti dabaluun jiraattonni himaniiru.
Bilxiginnaan gama tokkoon mana murtii aadaa fi ijaarsa Abbootii gadaa jechuun akka waan hawaasa kanaaf hojjechaa jiruutti siyaasa isaaf miidiyaan hololus lafa irratti garuu faallaa isaa maanguddoota Oromoo lubbuu galaafataa jira.

