• Tue. Nov 24th, 2026

Baha Wallagga  aanaa Saasiggaa keessatti saamichi qabeenyaa fi mancaatiin loltoota sirnichi bobbaaseen raawwatame

Jun 16, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 16, 2024

Duulli saamichaa qindaa’aan ajaja olii kennameen uummata Oromoo irratti banamee jiru haala akkaan uummaticha rifaasiisu irra ga’ee kan jiru yoo ta’u, sirnichis milishootaa fi waraana humnaa ol leenjisuu irraan kan ka’e carraa kanatti fayyadamee maqaa WBO’n uummaticha saamee qaawwaa isaa ittiin cufachaa jira.

Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Hora Waataa jedhamu keessatti gaafa Waxabajjii 13, 2024 gareen wal gurmeessee maqaa WBO sakkattaana jedhu qabata godhachuun deemu kun gandicha keessatti bakka addaa Laga Horaa jedhamutti nama maqaan isaa Waaqumaa jedhamu kan yaalaa beelladaa ta’e qoricha isaa guutummaatti  mana waliin diiganii mancaasuun; isa irrattis reebicha hamaa raawwachuun ifoomeera.

Kana malees namoota maqaan isaanii Amanaa Taaddasee, haadha manaa isaa Shittaayee, Mulee Ermiyaas, Daani’eel, Dastaa Rundaasaa, dabalatee namoota kanneen harkaa maallaqaa fi bilbiloota isaan qaban mana isaaniitti itti ol seenuun harkaa saamuus maddeen himan.

Namoota hedduu jalaas manneen isaanii sakkatta’uun akka waan meeshaan WBO mana keessa jiruutti fakkeessuun wantoota akka maallaqaa akkasumas faayaalee argatan hunda saamanii qe’ee uummataatti booi’cha uumuun uummata abdii kutachiisaa jiraachuus dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply