• Wed. Nov 25th, 2026

Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaatti sochii waraanni faashistii PP guyyaa sadiif walitti aansee taasisaa jiruun hawaasni dararamaa jiraachuun himame

Jun 16, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 16, 2024

Har’a yeroo itti biyyootni addunyaa baay’een haala guddina dinagdee ariifachiisaa, jijjiirrama siyaasaa fi hawaasaa keessa jiraachuun kanneen biroof fakkeenya ta’an kanatti, impaayeerri Itoophiyaa garuu humna waraanaa heddumminaan bobbaasee hawaasa harka duwwaa qe’ee isaa keessatti hiraarsuu gootummaa godhee miidiyaan as ba’ee dubbata.

Miidiyaaleen harka sirna bilxiginnaa keessa jiran guyyuu injifannoo qaamolee hidhatanii jiran irratti galmeessaa jirra jedhee kan lallaban, garuu dhugaan lafarratti argamu yakki namoomaa jiraattota irratti waraana faashistii PP’n deemaa jiruun hawwan Oromoo daa’imman xixiqqoo harkatti qabatanii qe’ee baqachuun, bosona keessatti dararamaa jiraachuu isaanii irraa waa hin dubbatan. 

Bifuma kanaanis sochii waraanni faashistii PP godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa ganda Geetoo fi Qamaxxee keessatti guyyaa sadii oliif taasisaa jiraniin maatiin hedduun mana isaanii irraa godaananii jiraachuun himameera.

Murni qondaalota waraanaa fi miseensa waraanaa maqaa adda addaa qaban Oromiyaa keessaatti maqaa nageenya kabachiisnaan ba’anii jiran, ta’e jedhamee itti yaadamuun Labsii duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwatamaa jiruudha jechuunis jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply