• Wed. Nov 25th, 2026

Raashiyaan Yukireen magaalaa Shebekino keessatti dhukaasa banteen lubbuu namoota 5 galaafatte jette

Jun 16, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 16, 2024

Sanbata kaleessaa Yukireen naannoo Beelgorood magaalaa Raashiyaa Shebekino keessatti dhukaasa banteen lubbuu namoota shanii galaafatte jedhan bulchaan naannichaa Vyacheslav Gladkov.

Misaa’elli gamoo mana jireenyaa rukutee, manneen jireenyaa 10 jiguu isaanii Gladkov Telegram irratti ibseera. Itti dabaluunis, sababa dhukaasa dabalataatiin hojiin baraarsaa kun yeroo hedduu addaan citee akka ture himaniiru.

Tajaajilli balaa tasaa reeffa namoota afurii caccabaa jalaa harkisee yoo baasu, namoota jaha dabalataan madaa sadarkaa adda addaatiin jiran baraarameera. Haleellaa kanaan Dubartiin tokko hospitaala keessatti miidhaan irra ga’ee du’uu bulchaan kun himaniiru.

Gladkov akka jedhanitti haleellaa biroo naannoo Belgorod keessatti raawwatameen namoonni lama dabalataan ajjeefamuu kan ibsan yoo ta’u, tokko ganda Murom, kutaa Shebekinsky keessatti, kaan ammoo ganda Oktyabrsky keessatti jedhan. Ganda Arkhangelskoye jedhamu keessattis namni biraa miidhameera jechuun Dhaabbanni Oduu Turkii a News gabaaseera.

Tarkaanfiin kun yerootti dhimmi Yukireenii fi Raashiyaa gidduutti nagaa buusuuf mareen mootummaa biyyoota 50 ol maree pirezidaantii Yuukireeniin qophaa’ee Siwizerlaand keessummeessite kaleessa eegaletti.

Leave a Reply