• Wed. Jan 14th, 2026

Finfinnee bulchiinsa Shaggar Sitii kutaa magaalaa Buraayyuutti uummanni Oromoo kan duraa irra bifa haaraan butamaa jiraachuun beekame 

Jun 16, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 15, 2024

Wareegama qabsoo fi xaxaa hawaasni Oromoo murna PP jalatti kaffalaa jiru, lolanii falmachuun olitti miidhama qaamaa fi lubbuun darbuun hawaasni nagaan mana isaatti  kaffalaa jiru kan dirree lolaa ol ta’uun hawaasni manaa nagaan ba’ee galuun haalaan itti ulfaatee jiraachuu dubbatu 

Hooggantoonni murna PP’s humna isaaniitti dhimma bahanii, fincila daandii qabsoo saba Oromoo dhaabuuf hawaasa nagaa wareegama gogaa kaffalchiisuu biratti, butuun jireenya isaanii guutuu manneen hidhaa gochuu fi dirree lolaatti bobbaasuu ta’ee jira.

Akkuma kanaanis Waxabajji 13, 2024 irraa eegalee sakattaa guddaan bulchiinsa magaalaa Shaggar Sitii kutaa magaalaa Buraayyuu keessatti dargaggoota daandii gubbaa deeman, manneen nyaataa keessatti argamanii fi bakka jireenya isaaniitti hordofuun qabanii mana hidhaatti guuraa akka jiran maddeen ONM’tti  himaniiru. 

Murni abdii kutataan PP akka waan kufuun isaa hafuu, daandii diimokiraasiif ulaa saaqee, hawaasa hundumaa dinagdee fi wal hubannaa siyaasaan namoota cimsuurra cunqursaa fi hacuuccaa jabeessuun isaa kan duraarra gara kufaatii guddaattis isa geessaa akka jirus itti dabaluun himaniiru 

Uummanni Oromoos akka walii galaatti rakkoo fi gabrummaa seenaa godhee barabaraan himachuu irra ba’ee falmatee mirga isaa kabachiifachuu qofaatu furmaata kan jedhan jiraattota magaalaa Buraayyuu irraa yaada isaanii nuuf eeraniidha

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading